Tajaajilli Baankii Dhiigaa Adaamaa Bara Baajataa darbeetti Dhiiga Yuunitii kuma 21 Ol Walitti Qabe - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Baankii Dhiigaa Adaamaa Bara Baajataa darbeetti Dhiiga Yuunitii kuma 21 Ol Walitti Qabe
Hagayya 4/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Baankii Dhiiga Adaamaa bara bajataa darbe keessa dhiiga yuunitii kuma 21 ol arjoomtoota dhiigaa tola ooltummaa irraa walitti qabuun dhaabbilee fayyaaf raabsuu beeksise.
Du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuu, yeroo balaa tasaa lubbuu baraaruuf, baqaqsanii hodhuu dhibeewwan gurguddaa adda addaatiif dhiheessi dhiigaa barbaachisaa ta’e mirkaneessuuf tajaajilli baankii dhiigaa damee fayyaa keessatti gahee olaanaa qaba.
Tajaajilli Baankii Dhiigaa Adaamaas qaamota dhimmi ilaallatu waliin ta’uun duula arjooma dhiigaa wiirtuuwwan dhaabbataa fi socho’aa irratti qopheessuun dhiyeessii dhiigaa amanamaa ta’e mirkaneessuuf ni hojjeta.
Hogganaan Tajaajila Baankii Dhiigaa obbo Katamaa Dhaqqabaa ENAtti akka himanitti, hanqina dhiigaa salphisuuf baankichi dhiiga hawaasa irraa walitti qabuun dhaabbilee fayyaaf raabsaa jira.
Bara baajataa darbe keessa tola ooltota irraa dhiiga yuunitii kuma 24 walitti qabuuf karoorfachuun dhiiga yuunitii kuma 21 fi 700 walitti qabuu akka danda’e himani.
Dhiigni walitti qabame gara Magaalaa Adaamaa, Shawa Bahaa fi Arsiitti erguun dhaabbilee fayyaa 50f raabsamee, itti fayyadamamaa akka tures ibsaniiru.
Teeknooloojii fi meeshaalee ammayyaatiin baankii dhiigaa ijaaruun dhiyeessii dhiigaa gahaa fi amanamaa ta’e tola ooltota irraa walitti qabuuf hojiin hojjetame bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan baankii dhiigaa kun bara bajataa 2019tti dhiiga yuunitii kuma 25 walitti qabuuf karoorfachuun hojii eegaluu beeksisaniiru.
Milkaa’ina karoorichaatiif lakkoofsi namoota tola ooltota dhiiga arjoomtootaa dabaluu fi qindoomina qooda fudhattoota waliin cimsuuf tattaaffiin akka hojjetamu beeksisaniiru.
Itti dabaluunis yeroo ammaa haala mijataa tajaajila tola ooltummaa waktiin Gannaa uumetti fayyadamuun magaalota Adaamaa, Boqojjii fi Bishooftuutti duula dhiiga sassaabuun gaggeeffamaa jira jedhan.
Dargaggoonni arjooma dhiigaa tola ooltummaa Gannaa magaalaa Adaamaa irratti hirmaatan ENAtti akka himanitti, Dhiiga arjoomuun nama arjoomu irratti miidhaa fayyaa tokkollee kan hin geessisne yoo ta'u, hojii gaarii lubbuu namootaa baraaruun nagaa keessoo fi qalbii argamsiisa jedhani.
Namoota yaada kennan keessaa Yoonaas Ashamoo yeroo 5ffaaf dhiiga kan arjoome ta’uu eeruun, dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruudha jedheera.
Yaada kennaan kan biraan Dagafaa Baalchaa gama isaatiin namni fayyaalessii fi umuriin isaa eeyyamuuf dhiiga ajoomuun lubbuu baraaruuf hirmaachu qaba jedheera.