Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa Umurii 20 gadiitin Medaaliyaa 6 Argachuun Dorgommicha Xumurte - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa Umurii 20 gadiitin Medaaliyaa 6 Argachuun Dorgommicha Xumurte
Hagayya 4/2018 (ENA): Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa Umurii 20 gadiitin Meedaaliyaa 6 Argachuun dorgommii ishee xumurteetti.
Halkan edaa sagantaa guyyaa dhumaa gaggeeffameen gosa dorgommii fiigicha meeitra 1500 koorniyaa lamaaniin kan hirmaatte Itoophiyaan, meedaaliyaa argachuu hin dandeenye.
Dorgommii dubartootaan Elsaabeet Amaaree 4ffaa, Haragawayin Kaalaayuu 9ffaa ta'uun xumuraniiru.
Dhiiraan immoo Dastaa Taaddee sadarkaa 12ffaa qabachuun xumureera.
Itoophiyaan walumaagalatti medaaliyaa Warqee 2, Meetii 3 fi Nahaasa 1 argatteetti.
Waggaa lamaan dura dorgommii walfakkaataa Peeruu, Liimaatti gaggeeffameen Itoophiyaan medaaliyaa warqee 6 dabalatee walumaagalatti medaaliyaawwan 10 argachuun xumuruun ishee ni yaadatama.
Dorgommii baranaatiin biyyi qopheessituu turte Ameerikaan medaaliyaawwan 24 walitti qabachuun sadarkaa jalqabaatiin xumurteetti.
Keeniyaan medaaliyaa 11’n sadarkaa 2ffaa kan qabatte yoo ta'u, Itoophiyaan Addunyaarraa 5ffaa, Afrikaa irraa immoo sadarkaa 2ffaa qabachuun dorgommii ishee xumurteetti.