Qabxiilee Gurguddoo Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii OBN Waliin taasisaniin kaasan: - ENA Afaan Oromoo
Qabxiilee Gurguddoo Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii OBN Waliin taasisaniin kaasan:
Walitti Hidhamiinsa Seeraan Alaa: Hidhattoonni Naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Tigiraay keessa socho'an mootummaa moo'achuu akka hin dandeenye hubatanii walitti hidhaminsa/gaa'ela seeraan alaa uumaniiru.
Yaada Siyaasaa dulloomaa/Moofaa/: Gareen ABUT haala qabatamaa ammaa keessatti milkaa'uu kan hin dandeenye, yaada fi gaggeessummaa siyaasaa moofaa keessatti qabamee jira.
Hidhattoota Meeshaa Taasifachuu: Gareen kun hidhattoota kutaa biyyaa biraa akka michuutti osoo hin taane, biyya diiguuf akka meeshaatti itti fayyadamaa jira.
Fedhii diinota Alaa Tajaajiluu: Diinota seenaa kanneen Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguuf fedhii tarsiimoo yeroo dheeraa qabaniif akka meeshaatti tajaajilaa jira.
Gara Olaantummaa Seeraatti Ceessisuu: Dimokiraasiin dhugaa bilisummaa siyaasaa irraa gara mariitti, mariin immoo gara olaantummaa seeraa waliigaltee walootiin bocamutti guddatee ce'uu qaba.