Ida'amuun Yaadama Mandhaalee jijjiirama qabatamaa damee hundaan kan fidedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahmmad - ENA Afaan Oromoo
Ida'amuun Yaadama Mandhaalee jijjiirama qabatamaa damee hundaan kan fidedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahmmad
Hagayya 3/2018 (ENA): Yaadamni Ida’amuu milkaa'inoota qabatamaa damee hundumaa keessatti galmeeffamaniif bu'uura kan kaa’e yaadama mandhaalee ta'uu isaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad turtii OBN waliin taasisaniin yaadni ida’amuu jedhu orma biraa kan waraabame osoo hin taane, bu'aa yaadaa fi falaasama mandhaalee ta'uu isaa ibsa taasisaniiru.
Hojiin gaggeessaa siyaasaa dhugaan uummata rakkoo keessa gale keessaa baasee gara jireenya gaarii fi fooyya'aatti ceessisuu ta'uu isaa ibsaniiru.
Hojii riifoormii damee dinagdeetiin raawwataman ilaalchisee yeroo ibsan, Naannoo Oromiyaa keessatti misooma jallisiitiin hojiilee gurguddoon raawwatamuu isaanii caqasaniiru.
Kanaanis godinaalee Booranaa fi Baalee keessatti bu'aan galmeeffame agarsiistuu gaarii ta'uu isaa eeraniiru.
Manneen barnootaa idileen duraa bal'isuu irrattis hojii guddaan raawwatamuu isaa ibsaniiru.
Gama biraatiin yaada ida’amuuntiin hariiroo alaa keessatti dhageettii fi bifa Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti qabdu kan ol kaasan hojiileen raawwatamuu isaanii ibsaniiru.
Qajeeltoo Yaadama Ida’muu keessatti gara duubaatti ilaaluun barnoota fudhachuuf qofa ta'uu isaas dubbataniiru.
Kitaabni yaada Ida’amuu qabatee jiru Afaanota garagaraa 10tti hiikamuufi yaadni sun qabatamaan jijjiirama fidaa jiraachuu isaa arguun kan danda'amu ta'uu dubbataniiru.
Walii galatti , yaadni Ida’amuu hojiilee rifoormii damee hundumaa keessatti bu'aan akka galmeeffamuuf shoora murteessaa taphachuu isaa ibsaniiru.