Itoophiyaan dorgommii Atileetiksii Addunyaa umurii waggaa 20 gadiitiin Madaaliyaa Warqee Lammaffaa argatte - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan dorgommii Atileetiksii Addunyaa umurii waggaa 20 gadiitiin Madaaliyaa Warqee Lammaffaa argatte
Hagayya 3/2018 (ENA) Dorgommii Atileetiksii Addunyaa 21ffaa Amerikaa Oregoonitti gaggeefamaa jiruun Itoophiyaan madaaliyaa warqee lammaffaa argatteetti.
Dorommii Fiigicha meetira 3000 umrii 20 gadii atileetiksii addunyaa irratti dorgomameen Atileeti Yordaanos Tsiggaa’ab madaaliyaa warqee mo'atteetti.
Atileetiin kun sa'aatii fooyya'aa dhuunfaa ishee 8:43.65 galmeessuudhaan biyya isheetiif madaaliyaa warqee argamsiisteetti.
Atileetiin kan biraan Shittoo Gumii sa'aatii 8:45.06n lammaffaa ba'uudhaan madaaliyaa meetii (biirrii) argamsiisteetti.
Atileetiin kun waldorgommmii meetira 5000tiinis madaaliyaa meetii argachuun ishee ni yaadatama.
Shampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Umrii 20 Gadii Amerikaa Oregoonitti gaggeefamaa jiru har'a kan xumuramu ta'a.
Itoophiyaan dorgommii kanaan madaaliyaa warqee 2, meetii(birrii) 3 fi meedaaliyaa naasii 1 argachuun gabatee madaaliyaatiin sadarkaa 3ffaa irratti argamti