Qabxiilee ijoo Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Oromia Broadcasting Network ( OBN) Waliin taasisaniin Kaasan: - ENA Afaan Oromoo
Qabxiilee ijoo Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Oromia Broadcasting Network ( OBN) Waliin taasisaniin Kaasan:
Filannoo Ilaalchisee:
Akkuma uummata keenyaaf waadaa galle hamma dandeettii keenyaatti filannoon sun dimokirataawaa akka ta'u, uummannis karaa nagayaatiin ba'ee akka filatuuf akka mootummaatti qooda keenya bahanneerra.
Uummanni aangoo Siyaasaa humnaan qabachuun dhaabbachuu qaba jechuun; aangoo Siyaasaa karaa nagayaatiin, filannoodhaan, hirmaannaa uummataatiin malee gareen tokko dhufee humnaan qabachuu hin danda'u jedheera.
Uummanni Itoophiyaa daangaa hanga daangaatti sagalee tokkoon dhaamsa isaanii nuufis warra kaaniifis dabarsaniiru.
Karaa dimokiraataawaa ta'een mormuu, falmuu, gaafachuu, garuu mootummaa naaf ta'u filachuu nan danda'a jedheera.
Uummanni keenya kutannoo dimokiraasiif qabu, sirna dimokiraasii ijaaruuf fedhii inni qabu haala ifa ta’een mul'atee argameera.
Karaa nagayaatiin filadheera; kanaan filadhes waadaa naaf galte ni raawwatta jedhee waanan amaneef jedheera.
Filannoon 7ffaan nagayaanis, karaa dimokiraataawaa ta'eenis, hirmaannaa uummataatiinis, hirmaannaa paartileetiinis Seenaa addaati.
Ida'amuu Ilaalchisee:
Ida’amuun haaromsa siyaasaa, haaromsa dinagdee fi haaromsa hawaasummaa keessatti bu'aa guddaa nuuf fideera.
Ida’amuun Afaanota kurnanii olitti hiikameera.
Yaadni ida’amuu ilaalama qabatamaan rakkoo kan furu, jijjiirama fidaa kan jirudha.
Namni tokko yaada ida’amuu yeroo dubbisu yaadni ida’amuu gaaffii yoo isaaf ta'e qorachuu ni danda'a; qabiyyee isaa keessa seenaa baay'ee, beekumsa baay'een akka jiru, aadaa baay'ee, eenyummaa baay’ee qabachuu isaatiin hiika guddaa akka qabu ni hubata.
See less