Gareen seeraan ala ABUT humna boodatti hafaa deeggarsa alagaatiin biyya jeequuf tattaaffatu ta’uu isaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan. - ENA Afaan Oromoo
Gareen seeraan ala ABUT humna boodatti hafaa deeggarsa alagaatiin biyya jeequuf tattaaffatu ta’uu isaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan.
Hagayya 2/2018 (ENA): Gareen seeraan ala ABUT of danda'ee kan dhaabbate osoo hin taane, diinoota birootiin deeggaramee biyya jeequuf kan tattaaffatu humna boodatti hafaa ta'uu isaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Oromia Broadcasting Network (OBN) waliin turtee taasisaniiru.
Ministirri Muummee turtii isaaniitiin Gareen seeraan ala ABUT kan rakkoo uumuuf socho'aa jiru yaada, hoggansa fi ilaalcha boodatti hafaa kan qabu ta'uu ibsan.
Gareen kun yaada kaleessaa irratti jijjiirama tokkollee osoo hin taasisin karaa kaleessa barateen deemuuf kan barbaadu ta'us, adeemsi isaanii milkaa'uu akka hin dandeenye dubbataniiru.
Itti dabaluudhaanis, gareen kun ilaalcha baraa waliin of jijjiiruu fi waliin tarkaanachuuf qophii akka hin taane ibsaniiru.
Rakkoon inni guddaan lammaffaan gareen kun wal-qixxummaa fudhachuu dadhabuu isaati kan jedhan Ministirri Muummee; bara kana keessatti qaamni wal-qixxummaa hin fudhanne qormaata guddaan akka isa mudatu dubbataniiru.
Yeroo ammaa kana ummanni naannichaa guutumaan guutuutti of bulchaa akka jiruufi, gareen kun gaaffii dhugaa kan hin qabne ta'uu ibsuun; waan xixiqqoodhaan gowwoomee Itoophiyaa jeequuf hojjechaa akka jiru himaniiru.
Gareen kun kanaan dura qaamolee adda addaatiin deeggaramee gara aangootti kan dhufe ta'uu kan yaadachiisan Ministirri Muummee, akka kaleessaa qaamolee birootiin deeggaramanii biyya jeequu akka barbaadaniifi nagaa akka hina jaallanne dubbataniiru.
Fakkeenyaaf, barana warqii alaatti ergameen Birrii biiliyoona 5.6 kan argame yoo ta'u; waggoota 27 isaan aangoorra turan keessatti walumaagalatti kan argame garuu Birrii biiliyoona 3.6 qofa ture jedhaniiru.
Kunis warqichi saamamaa akka ture kan agarsiisuu fi yeroo isaan aangoorra turanitti galiin galuu qabu Birrii biiliyoona 200 yoo ta'u, yeroo ammaa garuu Birrii triiliyoona 1.5 gahuu ibsuun, namoonni kun beekumsa misoomaa akka hin qabne ibsaniiru.
Gareen kun nagaa fi wal-qixxummaa kan hin jaallanneefi diinoota Itoophiyaa waliin hidhata uumuun jeequun jiraachuu akka barbaadan ibsan.
Ilaalchi isaanii baraa kan hin madaallee fi waanti hedduun jijjiiramaa kan jiru yoo ta'eyyuu, qaamoleen kunniin rakkoo uumuu danda'u malee tasuma mo'achuu akka hin dandeenye Ministirri Muummee hubachiisaniiru.