Biruunoo Gumaareesh Arsenaalitti makame - ENA Afaan Oromoo
Biruunoo Gumaareesh Arsenaalitti makame
Hagayya 2/2018 (ENA): Kilabiin Kaaba Landan Arsenaal taphataa sarara gidduu lammii Biraazil ganna 28 Biruunoo Gumaareesh Niwukaastil Yunaayitid irraa jijjiirraa isaa xumuruu isaa har'a beeksise.
Shaampiyoononni Piriimiyerliigii ammaa taphatichaaf kaffaltii paawundii miiliyoona 75 kan kaffalan yoo ta'u, Gumaareesh waggaa afuriif mallatteessee waggaa dabalataa filachuu danda'a.
Garee Miikel Arteettaa keessatti shamizii lakkoofsa 39 uffatee taphata.
Biruunoo Gumaareesh qormaata haaraa mudatee waancaa gurguddaa injifachuuf gara Arsenaalitti makamuu akka barbaadu dubbateera.
Taphataan ganna 28 kun akka lakkoofsa warra Awurooppaatti ji'a Adoolessa 2026tti Arsenaalitti makamuuf waliigaltee dhuunfaa isaa kan mallatteesse ta’uun ni yaadatama.
Taphataan kun bara 2022tti kilaba Keliyoon irraa gara Niwuukaastil yunaayitiditti jijjiramuun taphachaa tureera.
Biruunoo Gumaareesh Kiristoos Zoolisii fi Ilaan Meesliyer hordofuun taphataa 3ffaa jijjiirraa ganna kanaan Arsenaalitti makame ta'eera.