Wiirtuun Tajaajila IddooTokkoo 'MESOB' Kenniinsa tajaajila Abbaa Dhimmaa Sirnoomsuun tajaajila si'ataa fi dhaqabamaa taasisuu keessaatti qooda olaanaa qaba- Obbo Abbaabbuu Waaqoo - ENA Afaan Oromoo
Wiirtuun Tajaajila IddooTokkoo 'MESOB' Kenniinsa tajaajila Abbaa Dhimmaa Sirnoomsuun tajaajila si'ataa fi dhaqabamaa taasisuu keessaatti qooda olaanaa qaba- Obbo Abbaabbuu Waaqoo
Hagayya 2/2018(ENA): Wiirtuun Tajaajila IddooTokkoo 'MESOB' Kenniinsa tajaajila Abbaa Dhimmaa Sirnoomsuun tajaajila si'ataa fi dhaqqabamaa taasisuu keessaatti qooda olaanaa qaba jedhan bulchaan godina Shawaa Bahaa obbo Abbaabbuu Waaqoo.
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa Magaalaa Bulbulaatti Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (MESOB) ijaaramaa ture xumuramuun tajaajila kennuu eegaleera.
Wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo hojii eegale kun rakkoo kenna tajaajilaa abbaa dhimmaa deeddebii irraa hambisuun rakkoolee bulchiinsa gaarii fi malaamaltummaa hundee irraa hiikuuf gahee olaanaa akka qabu Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii dubbatan.
Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo magaalaa Bulbulaatti ijaarame kun Saktaaraalee adda addaa tajaajila kennuu fi ogessoota gahumsaa qabanii fi teeknoloojii ammaayyaa qabaniin tajaajila si'ataa fi iftoomina qabu kennuu eegaleera jechuun waajjirri komunikeeshinii Shawaa Bahaa gabaaseera.