Tamsaasa Kallatti:

Tajaalila tola ooltummaan deeggarsi taasifameefii rakkoo isaanii salphisaa fii jiraachuu jiraattonni fayyadamoo deeggarsichaa ta’an godina Harargee Lixaa magaalota Masalaa fi Ciroo dubbatani.

Hagayya 2/2018 (ENA): Tajaalila tola ooltummaan deeggarsi taasifameefii rakkoo isaanii salphisaa fii jiraachuu jiraattonni fayyadamoo deeggarsichaa ta’an godina Harargee Lixaa magaalota Masalaa fi Ciroo dubbatani.

Waajjirri Maallaqaa godinichaa akka beeksisetti, yeroo Ganna kanaa hanga ammaatti godina Harargee Lixaa keessatti tajaajilli tola ooltummaan birrii biiliyoona 10 oliin kan tilmaamamu adeemsifamaa jira jedhe.


 

Aadde Tsadaalee Irgaxee fi obbo Ibraahim Muummee jiraattonni magaala Masalaa sababa hanqina qabeenyaatiin mana isaanii suphuu waan hin dandeenyeef rakkoon cimaan isaan mudachaa akka ture dubbatu.

Haa ta'u malee hojiin tola ooltummaa kun amma mana haaraa akka argatan gochuun rakkoo hawaasummaa fi diinagdee isaanii akka salphise himu.

Tajaajila tola ooltummaatiin mana isaaniif ijaarame keessatti abdii fi gammachuu haaraa argachuun amma jireenya tasgabbaa’aa jiraachuu eegaluu isaanii ibsaniiru.

Fayyadamtoota tajaajilichaa kan ta’an magaalaa Ciroo irraa Aadde Aayishaa Kadir; tajaajila tola ooltummaatiin manni mijataa akka isheef ijaaramee fi meeshaalee mana keessaas akka argatte dubbatti.


 

Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Masalaa obbo Kadir Aliyyii akka jedhanitti Ganna kana keessa manneen qaama miidhamtootaafi humna hin qabne manneen 16 ijaaramuu ibsaniiru.

Lammiilee kunuunsa fayyaa barbaadaniif yaala fayyaa kennuu bira darbee dabtara darzaana 500 barattootaaf bitamuu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Harargee Lixaa obbo Huseyid Mu’azam ​​akka jedhanitti, Ijaarsa mana jireenyaa, deeggarsa meeshaalee barnootaa, fi arjooma dhiigaa dabalatee sektaroota 18 keessatti hojiin tajaajila tola ooltummaa birrii biiliyoona 10 ol hojjatamuu ibsaniiru.


 

Ijaarsa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 40 fi manneen barnootaa duraa 70 dabalatee pirojektoonni mana jireenyaa qaama miidhamtootaa 4,800 ol xumuramuu isaanii akeekaniiru.

Walumaagalatti hirmaannaa hawaasaa cimsuun bara bajataa kana keessatti hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa birrii biiliyoona 23 olitti tilmaamamu raawwachuuf karoorfamuu isaa obbo Huseyid ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #



























 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015