Tamsaasa Kallatti:

Misoomni koridarii jireenya fayya qabeessaa fi naannoo qulqulluu uumuudhaan milkaa'ina damee fayyaa keessatti gahee guddaa qaba - Dr. Kaateriin Maakiwee

Hagayya 2/2018 (ENA): Misoomni koridarii Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru jireenya fayya qabeessaa fi naannoo qulqulluu uumuun damee fayyaa keessatti gumaacha olaanaa taasiseera jedhan Ogeettiin Teeknikaa Waltajjii Deeggarsa Biyyaa Taaski Forsii To’annoo Koleeraa Addunyaa Dr. Kaateriin Maakiwee.


 

Itoophiyaan ittisa dhibee irratti mala kalaqaa fudhachuun tarkaanfii bu’a qabeessa ta’e fudhachaa akka jirtus ibsaniiru.

Hojii fi hoggansa kutannoo Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa waliin walqabatee fudhachaa jirtu irraas barumsi hedduun akka jiru dubbataniiru.


 

Itoophiyaan muuxannoo gama kanaan qabdu biyyoota biroof qooduun akka itti fayyadaman gochuu qabdi jedhan.

Hojiin ittisaa fi to’annoo dhibee bu’a qabeessa ta’e tumsa qooda fudhattootaa waan barbaaduuf dhaabbileen mootummaa, arjoomtonnii fi michoota misoomaa waliin hojjechuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015