Tamsaasa Kallatti:

Marichi rakkoolee baroottaniif turan furuun biyya cimtuu ijaaruuf dandeessisa- Mari’attoota

Hagayya 2/2018(ENA): Marichi rakkoolee baroottaniif turan furuun biyya cimtuu ijaaruuf dandeessisa jedhan mari’attoonni yaa’ii marii biyyaalessaa.

Akka mari’attoonni kunneen jedhanitti marichi rakkoolee waggoottaniif lafarra harkifachaa turan furuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa bahata.

Yaa’icharratti hirmaachaa kan jiran Sayifajamaal Hajii, mariin biyyaalessaa kun garaagarummaa mariin furuun nageenyaafi misooma waaraaf bu’uura cimaa kaa’a jedhan.

Addunyaa ammayyaa keessatti rakkoon kamiyyuu mariin akka furamu ibsuun, mariin Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jirus kanaaf agarsiistuudha jedhaniiru.

Mari’ataa biraan Marduu Gabrasillaasee gamasaaniin, rakkoon mariin hin furamne akka hin jirre hubachiisaniiru.

Mariin kun tokkummaa Itiyoophiyaanotaa cimsuun misoomaafi badhaadhina ni mirkaneessa amantaa jedhu qabaachuu ibsaniiru.

Lammiileen biyyattii kutaalee garaagaraarraa dhufan maricharratti hirmaachuun waltajjichi hirmaachisaa fi Itiyoophiyaa kan ibsu ta’uus eeraniiru.

Hirmaachisummaan marichaa kan nama gammachiisu, adeemsi isaas Itiyoophiyaanonni carraa egeree biyya isaanii murteessuu keessatti qooda walqixaa akka bahatan kan dandeessisu ta’uu kan ibsan ammoo mari’ataa biraa Gabayyoo Dagooyyeedha.

Waltajjichi waldhabdeewwan waggoottaniif turaniif furmaata waaraa kennuun hundi gara misoomaatti akka fuulleffatuuf carraa mijataa kan uumu ta’uus ibsaniiru.


#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015