Guddinni oomishtummaa qamadii Itoophiyaa midhaan nyaataan of danda'uuf taasifamu, biyyoota Afrikaaf muxannoo fakkeenya ta'edha. - ENA Afaan Oromoo
Guddinni oomishtummaa qamadii Itoophiyaa midhaan nyaataan of danda'uuf taasifamu, biyyoota Afrikaaf muxannoo fakkeenya ta'edha.
Hagayya 2/2018 (ENA): Guddinni oomishtummaa qamadii Itoophiyaa midhaan nyaataan of danda'uuf taasifamu, biyyoota Afrikaaf muxannoo fakkeenya ta'edha jechuun Gamtaa Afrikaatti Koomishinara Qonnaa, dhimmoota Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Misooma Itti Fufiinsa Qabu duraanii kan turan Joosee Fuul Liyooneel Kooriyaa Saakuuu ibsaniiru.
Biyyoonni Afrikaas muxannoo gaarii Itoophiyaa fi kanneen biroo fudhachuun sekteera qonnaatiin wabii nyaataa mirkaneessuuf dandeettii ofii ijaarrachuu akka qaban dhaamaniiru.
Joosee Fuul Liyooneel Kooriyaa Saakuuu ENA’f akka ibsanitti, Afrikaan qonna dabalatee dandeettii oomishtummaa fi of-danda'iinsa nyaataa cimsuuf abdii fi qabeenya misoomaa bal'aa kan qabdu dha.
Haaluma kanaan, abdii guddinaa fi badhaadhina Afrikaa gara carraatti geeddaruun fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessuuf oomishtummaa qonnaa guddisuun akka barbaachisu eeraniiru.
Dandeettii fi qabeenyi oomishtummaa qonnaa afrikaa wabii nyaata Afrikaanotaa dandeettii ofiin uwwisuudhaan of danda'uu dandeessisu, qindoominaa fi tattaaffii waliinii kan gaafatu ta'uu ibsaniiru.
Waliigaltee Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa daldala keessoo Afrikaa dabaluun birmadummaa nyaataa cimsuu, beelaa fi hiyyummaa hir'isuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Afrikaan guutummaatti deeggarsa alaa irraatti hirkachuu irra, qabeenyaa fi humna mataa ishee fayyadamtee pirojektoota bu'a qabeessummaan raawwachuu akka qabdu hubachiisaniiru.
Milkaa'inoonni cehumsaa walii gala Itoophiyaan qonnaa, eegumsa naannoo fi misoomni magaalaa keessatti galmeessite abdii guddina Afrikaa bocuudhaaf akka muuxannoo fi leenjiitti fudhatamuu kan danda'an ta'uu isaanii kaasaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi hojiin bu'uuraalee misooma magaalotaa eegalchiisuun raawwataman biroon biyyoota Afrikaa biraan muuxannoo Itoophiyaa irraa barachuu fi qooddachuu kan qaban ajandaa misoomaa murteessaa ta'uu isaa dubbataniiru.