Tamsaasa Kallatti:

Godina Boorana Bahaatti Miidhaa Uumamaas ta’ee Nam-tolche Humna ofiin damddamachuuf ji’a tokko keessatti qabeenyi gosaafi qarshiidhaan Birrii Miiliyoona 48 Ol Ta'u fi meeshaadhan walitti qabame.

Hagayya 2/2018(ENA):  Godina Boorana Bahaatti Miidhaa Uumamaas ta’ee Nam-tolchee Humna Ofiin damdamachuuf j’a tokko keessatti qabeenyi birrii miiliyoona 48 Ol ta'u qarshiifi gosaan kan walitti qabame ta’uu Waajjirri Buusaa Gonofaa Godinichaa beeksiseera.



Godinichi rooba xiqqaa fi balaa hongeef kan saaxilamu waan ta'eef, rakkoon midhaan nyaataa, bishaan dhugaatii fi nyaatni beeyladaa akka mudatu ni beekama.
Hoogganaan waajjirichaa Obbo Liiban Dabbasoo akka jedhanitti, rakkoolee kana humna ofiin furuuf uummata kuma 62 fi 931 waliin marii taasiisameen walhubannan uumameera.


Godinichatti aanaalee 9 keessatti uummata kuma 481 fi 700 ol ta’an miseensummaa Buusaa Gonofaatiin galmeessuun danda'ameera jedhaniiru.
Barana miseensotaa fi deeggartoota irraa qabeenya gosaanii fi maallaqa callaan deeggarsa Qarshii Miiliyoona 179 fi Kuutaa 700 ol ta'u sassaabuuf gara hojiitti galamuu eeraniiru.


Ji'a Adoolessaa 2018 qofaatti aanaalee godinichaa hunda irraa qabeenyi gosaa fi qarshii Miiliyoona 48 olitti tilmaamamu sassaabamuu ibsaniiru.


Godinichatti bara darbe balaawwan uumamuu danda’an qolachuuf humna ofiin furuuf hojii qabeenyaa waliitti qabu taasiifameen Qarshii Miiliyoona 78 ol sassaabamuus ibsaniiru.


Kanneen keessaas qarshii miiliyoona 25 ol kan ta’u namoota arjoomtota miseensa Buusaa Gonofaa hin taaneen kaka’umsa mataa isaaniitiin deeggarsa taasiisame akka ta'e eeraniiru.


Godinichatti aanaalee 8 keessatti lafa uummataa heektaara 172 misoomsuun, qamadii fi midhaan adda addaa irratti oomishuudhaan harka namaa eegu irraa gara oomishtummaatti ce'uuf tattaaffiin taasiifamaa jira jedhaniiru.


Godinichatti balaa uumamaatiin namoonni hanqina midhaan nyaataaf saaxilaman kuma 96 ol akka jiran eeraniiru.


Jiraataan magaalaa Nagallee Booranaa fi hojjetaan mootummaa obbo Mokkonnin Gashir fedhii fi kaka'umsa mataa isaaniitiin Buusaa Gonofaaf deeggarsa kan taasiisan keessaa nama tokkodha.

Balaa uumamaa fi nam-tolchee humna ofiin furuuf deeggarsa gosaa fi qarshii taasiisan cimsanii kan ittifuufan ta'uu ibsaniiru.



Jiraataan magaalaa kanaa dargaggoo Dhibbaa Diidhaa rakkoolee hawaasummaa humna ofiin furuuf qarshiidhaan, beekumsaa fi humnaan hundumti keenya walgargaaruu qabna jedheera.


Dargaggoon kun kaka'umsa mataa isaatiin miseensa Buusaa Gonofaa ta'uudhaan dhaabbataan ji'a ji'aan deeggarsa qarshii taasiisaa akka jiru ibseera.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015