Oromoon bilisoomeera; lammataa gabrummaaf qophaa'a miti" - Doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Oromoon bilisoomeera; lammataa gabrummaaf qophaa'a miti" - Doktar Abiyyi Ahimad
Hagayya 2/2018(ENA) :Jijjiirama mootummaa biyyattiitti dhufeen bilisummaan Oromoo guutummaatti mirkanaa'eera jedhan Minisitiirri Muummee RDFI Doktar Abiyyi Ahimad.
Doktar Abiyyi dhimmoota dinagdee fi siyaasaa uummata Oromoo ilaalchisee OBN waliin gaaffii fi deebii gaggeessaniiru.
Turtii isaanii kanaan, "Bitaa, mirga, dura, duuba ilaaluun hin barbaachisu, Oromoon guutummaatti bilisoomeera" jechuun ibsan.
Oromoon bilisoomsa jechuun har'a qabsaa'uun gowwummaa dha kan jedhan Doktar Abiyyi, bilisummaan Oromoo qaamaa fi aangoo qabachuun qofa osoo hin taane, bilisummaa sammuunis mirkanaa'uu hubachiisaniiru.
Dhaloonni har'a Afaan ofiin dubbachuutti leeyya'uu dhiisuu irraa eegalee karaalee hedduun bilisummaan sammuu isaa mirkanaa'uu ibsan.
Gaaffileen gama misoomaan jiranii fi dhawaataan deebii argachuu qaban jiraatanis, bilisummaan uummatichaa garuu dhugoomeera kan eeran Doktar Abiyyi, Oromoon lammataa deebi'ee gabroomuu akka hin dandeenye cimsanii dubbatan.
Oromoo akka kaleessaa gabroomseen, lafa isaa irraa buqqiseen jiraadha jedhee kan yaadu gowwaadha; Oromoon kana bira darbeera; Oromoon lammataa gonkumaa garbummaaf qophaa'aa miti jechuunis hubachiisan.
Kunis injifannoo jijjiiramichaa isa hangafaa akka ta'e eeraniiru.