Manni marichaa imaanaa ummanni itti kenne raawwachuun fayyadamummaa hawaasaa guddiseera - Af-yaa'ii Mana Maree Naannoo Affaar Asiyaa Kamaal - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa imaanaa ummanni itti kenne raawwachuun fayyadamummaa hawaasaa guddiseera - Af-yaa'ii Mana Maree Naannoo Affaar Asiyaa Kamaal
Hagayya 2/2018 (ENA): Manni marichaa imaanaa ummanni itti kenne raawwachuun fayyadamummaa hawaasaa guddisuu isaa Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Affaar Asiyaa Kamaal ibsani.
Manni Maree Naannoo Affaar yaa'ii isaa marsaa 6ffaa, bara hojii 5ffaa, yaa'ii idilee 10ffaa gaggeessuu eegaleera.
Manni marichaa yaa’ii guyyoota sadiif gaggeessu kanarratti gabaasa raawwii hojii qaamolee raawwachiiftuu naannolee, Mana Murtii Waliigalaa fi Odiitara Muummichaa bara baajata 2018 irratti ni mari’ata.
Akka af-yaa’iin kuni wayita yaal yaa’icha banan jedhanitti manni marichaa aangoo ummanni itti kenne raawwachuu fi hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa dabalan hojjechuu isaa ibsaniiru.
Haaluma kanaan faayidaan hawaasummaa fi diinagdee dabaluu isaas ibsaniiru.