Tamsaasa Kallatti:

Yaadama Ida’amuutiin Humna Oromoon Biyya Ijaaruu irratti Qabu Mirkanaasseera- MMI Dr. Abiyyi Ahimad

Hagayya 1/2018(ENA): Yaadama Ida’amuutiin Humna Oromoon Biyya Ijaaruu irratti Qabu Mirkanaasseera jedhani MMI Dr. Abiyyi Ahimad.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad Oromia Biroadcasting Network (OBN) wajjin turtii taasisaniiniru.

Oromoon yaadama Ida’amuu Bu’uura Sirna Gadaa irraa fudhatameen seenessaa fi seenaa dogoggoraa Oromoon biyya ijaaruu hin danda’u jedhamuun afarfamaa ture fashaleessuu isaanii ibsaniiru.

Turtii kanaan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka jedhanitti, Oromoon Sirna Gadaa kan dimookiraasii fi waliin jireenyaaf bu’uura ta’e ganamaa qabuun, seenaa biyya ijaaruu keessatti gahee olaanaa taphachuu akka danda’u qabatamaan agarsiisera jedhan.

Itoophiyaa dimookiraatawaa taate ijaaruu keessatti gumaachii fi gaheen Oromoo olaanaa ta’uu fi hojiin boonsaan hojjetamaa jiraachuu isaanii dhiyeessaniiru.

Biyyattii keessatti jijjiiramaa fi guddinni diinagdee seenaa keessatti galmaa'ee hin beekne yeroo ammaa kana galma'aa jiraachuus eeraniiru.

Keessattuu gama qonnaa, turizimii, fi siyaasaatiin jijjiiramaa fi guddina olaanaan mul'achaa jiraachuu dhiyeessaniiru.

Hojiiwwan misoomaa, toftaa dinagdee fi seera walta’iinsa guddina biyyaatiif yaadni Ida’amuu gumaacha olaanaa taasiisaa jiraachuu isaa Ministirri Muummee itti dabaluun ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015