Tamsaasa Kallatti:

Injifannoon Qabsoo Oromoo kan fagaatee tureef wantoonni gurguddoon 3 turaniiru- MMI Dr. Abiyyi Ahimad.

Hagayya 1/2018(ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii OBN waliin taasisan irratti Injifannoon Qabsoo Oromoo kan fagaatee tureef wantoonni gurguddoon 3 turaniiru jedhani.

Qabsoon Oromoo bakka tokkotti jalqabee kan dhaabbate miti jedhan ministirr muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Oromoon bal’aadha. Ka’umsi qabsoo Oromoo inni jalqabaa gaaffii dinagdeeti. Galteen lafaa fi humna. Oromoon lafa waliin hidhata cimaa qaba jedhani. Lafti lafeedha jedha oromoon. Akkaataatti oromoon lafa qabachaa deemu dhugumatti lafti lafee saa ta’uu agarsiisa jedhani.

Inni 2ffaa gaaffii sabummaati jedhaniiru. Sabummaan waan of keessatti qabu hunda kan hammatu ta’uu dubbataniiru. Afaan oromoo dubbachuun qofti Oromoo nama hin jechisiisu kan jedhan Ministirri muummee, Afaan ,aadaa eenyummaafi Safuu Oromoon buluun murteessaa ta’uu himaniiru.

Gaaffiin 3ffaa gaaffii dimokiraasii ta’uu eeraniiru. Sirna dimokiraasiin buluuf qabsoo Oromoon taasise agarsiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015