Tamsaasa Kallatti:

Filannoon Waliigalaa Torbaffaan filannoo milkaa’aa ta’ee fi dimokiraasii Itoophiyaaf abdii kan uume yoo ta’u, Afrikaanotaaf fakkeenya ta’edha

Hagayya 1/2018 (ENA): Filannoon Waliigalaa Torbaffaan filannoo milkaa’aa ta’ee fi dimokiraasii Itoophiyaatiif abdii kan uume yoo ta’u, Afrikaanotaaf fakkeenya ta’uu itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa fi idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsani.


 

Paartiin Badhaadhinaa bakka bu’ummaa ummataa Filannoo Waliigalaa Torbaffaa irratti argate gara bu’aa qabatamaa hawaasummaa, diinagdee fi kanneen birootti jijjiiruuf humna isaa hundaan akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Waliigalaa Torbaffaa ilaalchisee hawaasa addunyaatiif ibsa kenneera.

Waltajjicharra irratti akka himanitti Dr. Biqilaa Hurrisaan, paartichi Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama fiduuf kutannoo guddaa qabaatee fi kaayyoowwan gurguddoo lama qabatee Filannoo Waliigalaa Torbaffaa seene jedhani.

Kaayyoon jalqabaa, filannoo waliigalaa torbaffaan haala dimokiraatawaa, haqa qabeessa, nagaa fi bilisa taasisuun Itoophiyaanonni yaadaafi sagalee isaanii bilisaan ibsachuu danda’an haala mijeessuu akka ta’e ibsaniiru.

Abdiin ummanni ijaarsa dimokiraatawaa biyyattiif qabu akka ba’uu fi dimokiraasiin irratti hundaa’uu paartichi itti gaafatamummaa isaa bahachuu isaa ibsaniiru.

Kaayyoon Paartii Badhaadhinaa sagalee caalmaa argachuun mootummaa ijaaruu qofa osoo hin taane, filannoo bilisaa fi nagaa akka ta’uuf gahee adda duree taphachuu akka ta’e eeraniiru.

Adeemsi kun filannoo milkaa’aa ta’ee fi dimokiraasiif abdii kan kennu ta’uu fi Afrikaanotaaf muuxannoo ta’uu akka danda’us hawaasa addunyaa yaadachiisaniiru.

Paartichi sagalee caalmaa ummata Itoophiyaa irraa argachuun, mootummaa ijaaruuf aangoo ummataa haaraa injifachuu isaa ibsaniiru.

Waggoota shanan dhufan keessatti paartichi manifestoo isaa gara karooraa fi tarsiimoo waadaa ummataaf gale hojiitti jijjiiruuf akka hojjetu ibsaniiru.

Xiyyeeffannaan dimokiraasii Itiyoophiyaa tarkaanfachiisuu qofa osoo hin taane ummata hiyyummaa keessaa baasuu, birmadummaa fi wabii nyaataa mirkaneessuu, Itoophiyaa Afrikaa keessatti fakkeenya badhaadhinaa taasisuu akka ta’e dubbatani.


 

Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Daarektarri Hariiroo Idil Addunyaa obbo Nabiyyuu Sehul gama isaaniitiin filannoo waliigalaa torbaffaan haala ajaa’ibaa ta’een akka gaggeeffame ibsaniiru.

Waltajjiin har’aa kun irra caalaa hojiiwwan miidiyaa filannoo boodaa fi hariiroo idil-addunyaa filannoo booda raawwataman galmeessuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Waltajjicharratti ambaasaaddaroonnii fi dippilomaatonni biyyoota hedduu irraa Finfinnee keessa teessoo godhatanii waliin hojjachaa jiran akka argaman ibsaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 501 keessaa 438, Mana Maree Naannichaa 2,700 keessaa 2,410 akka injifate hubachiisaniiru.

Akkasumas paartileen morkattootaa 8 teessoo argachuun mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti teessoo 49 fi Mana Maree Naannichaa teessoo 246 akka argatan hubachiisaniiru.


 

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Evgeenii Terekihin haasaa isaanii keessatti filannoo biyyaalessaa torbaffaa milkaa’aa ta’e lammiilee Itoophiyaaf injifannoo guddaa ta’uu ibsaniiru.

Seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti taatee guddaa hawwii nagaa, badhaadhinaa fi misoomaa ummanni mirkaneesse ta’uu ibsuun, lammiilee Itoophiyaa hundaaf milkaa’ina hawwaniiru.


 

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Yugaandaa Reebeekaa Amugee Oteengoo filannoo waliigalaa torbaffaa milkaa’inaan xumuramuu isaatiin ummata Itoophiyaa fi Paartii Badhaadhinaa baga gammaddan jedhan.

Ibsa kana booda ambaasaaddaroonni, dippilomaatonni, bakka bu’oonni dhaabbilee fi miseensonni hawaasa addunyaa teessoo isaanii Finfinnee taasifatan agarsiisa dhaabbataa waajjira muummee Paartii Badhaadhinaatti gaggeeffame daawwataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015