Paartiin Badhaadhinaa bakka bu’ummaa ummataa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti argate gara milkaa’ina qabatamaatti jijjiiruuf humna isaa hundaan ni hojjeta-Doktar Biqilaa Hurrisaa - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa bakka bu’ummaa ummataa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti argate gara milkaa’ina qabatamaatti jijjiiruuf humna isaa hundaan ni hojjeta-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Hagayya 1/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa bakka bu’ummaa ummataa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti argate gara milkaa’ina qabatamaatti jijjiiruuf humna isaa hundaan ni hojjeta jedhan Hogganaan Damee Hariiroo Uummataafi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa.
Mootummaan Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiras jedhaniiru.
Paartichi adeemsa ijaarsa diimokiraasii biyyattii fi raawwii filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee dippiloomaatota biyyoota alaa teessoo isaanii Finfinnee taasisaniif ibsa taasiseera.
Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana injifannoowwan jijjiiramaan booda galmaa’an yaadama Ida’amuu kan giddugaleeffatan ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan hariiroo biyyoota addunyaa garaagaraa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uus eeraniiru.
Wayita ammaa Paartiin Badhaadhinaa miseensoota miiliyoona 15.9 qabaachuu eeruun, kanaanis Afrikaarraa isa jalqabaa akkasumas sadarkaa idil addunyaatti paartii guddicha 11ffaarraatti kan argamu ta’uu himaniiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaaf lammiileen miiliyoonni 54 ol galmaa’uu ibsuun, filattoonni %94 kan irratti hirmaatan filannoo seenaa qabeessa tures jedhan.
Fillannichi injifannoo Itoophiyaanotaa fi Afrikaanotaa guddaa ta’uu eeraniiru.
Adeemsa filannichaarratti miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko hubannoo dogoggoraa uumuuf yaalaniis ummanni abbummaan dhaabbachuun filannicha injifannoon xumuruu ibsaniiru.