Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa qaba
Hagayya 1/2018 (ENA ) Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo nageenya saayibarii mirkaneessuun faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa akka qabu Daarektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) aaddee Tigisti Hamiid ibsan.
Daayrektarri olaantuun aaddee Tigisti Hamiid labsichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniitiinis labsichi waxabajjii 2 bara 2018 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’uusaa eeraniiru.
Eegumsi bu’uuraalee misooma gurguddoo imala ce’umsa diijitaalaa Itoophiyaa bu’uura nageenya saayibarii jabaa irratti ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.
Sagantaan Eenyummaa Diijitaalaa, sirni kaffaltii mobaayilaa fi bittaa elektirooniksii akkasumas pirojektoonni biyyaalessaa fakkaatan kun daataa hanga olaanaa ta’e kan maddisiisan ta’uu ibsuudhaan, nageenya odeeffannoowwan kanaa fi siistamootaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Kanaafuu hojiirra ooluun labsichaa nageenya saayibarii mirkaneessuun odeeffannoo lammiilee fi biyyaa miidhaa irraa ittisuudhaan olaantummaa odeeffannoo mirkaneessuuf tarkaanfii guddaa ta’uu ibsaniiru .
Miidhaawwan bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti gaggeeffaman dabalaa dhufuun isaa ba’uu labsichaaf sababa ta’uu ibsuudhaan, labsiin haaraan kun sodaa saayibarii bu’uura godhatee to’annoo fi sirna deebii ta’ee giddu-galeessa ta’e diriirsuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Akka labsichaatti bulchiinsichi dhaabbileen bu’uuraalee misooma gurguddoo guutuu qaban irratti qophii barbaachisaa ta’e akka godhan deeggaruun, eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoof kan gargaaran qajeelfamootaa fi istaandaardiiwwan qopheessuun dhimmoota caasaa seeraa keessatti kan hammataman ta’uu eeraniiru.
Eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti ogeessa ga’umsa qabuu fi naamusaanis kan qophaa’e humna namaa gurmeessuun hojjetamuu isaa ibsaniiru.
Dhimma labsichaa irratti hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaaluuf hojiin hubannoo uumuu kan raawwataman ta’us eeraniiru.
Dhaabbileen abbaa qabeenyaa bu’uuraalee misooma gurguddoo ta’an ammoo ogeessa leenjifame bobbaasuu, ga’oomsuu fi qorannoo nageenyaa barbaachisaa ta’e gochuun akka irraa eegamu labsichi kan tumu ta’uu eeraniiru.