Tamsaasa Kallatti:

Magaalachatti rakkoo dhiyeessii qorichaa jiru furuuf hojii hojjetameen milkaa’inni olaanaa argameera

Hagayya 1/2018 (ENA) — Magaalaa Shaggaritti bara bajataa darbe rakkoo dhiyeessii qorichaa jiru furuuf hojii xiyyeeffannoon hojii hojjetameen milkaa’inni gaariin argamuu Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise.

Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar Obbo Abarraa Botoree ENAtti akka himanitti, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti tajaajila fayyaa si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojii hojjetu cinaatti tajaajila dhaabbileen fayyaa kennan fooyyessuu irrattis xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Keessattuu bara bajataa darbe rakkoo dhiyeessii qorichaa dhaabbileen fayyaa magaalichaa qaban bu’uura irraa furuuf itti fayyadama teekinooloojii haalaan dabaluu fi manneen qorichaa moodeela hawaasaa babal’isuurratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu himaniiru.

Dabalataan magaalichaatti kanaan dura baajanni dhiyeessii qorichaaf dhihaatu gahaa waan hin taaneef damee kanarratti baajanni gahaan akka ramadamu taasifamuu eeraniiru.


 

Hojiiwwan rakkoo dhiyeessii qorichaa mudachaa ture furuuf hojjetaman keessaa dhaabbileen fayyaa Bulchiinsa Magaalichaa keessa jiran dhiyeessii qorichaa gahaa akka argatan taasifamuu himaniiru.

Rakkoo dhiyeessii qorichaa furuun cinaattis magaalichaatti manneen qorichaa moodeela hawaasaa babal’isuudhaan hawaasni gatii madaalawwaan qorichoota dhaabbilee fayyaa keessattillee argamuu hin dandeenye hunda akka argatu taasifamuu ibsaniiru.

Kanaafis bara bajataa darbe Bulchiinsa Magaalichaatti manneen qorichaa moodeela hawaasaa haaraan 8 ijaaramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru jedhan.


 

Magaalaa Shaggaritti bara bajataa darbe tajaajilamtoonni mana qorichaa moodeela hawaasaa qoricha dhaabbilee fayyaa irraa ajajameef dhibbeentaa 93 tajaajila barbaadan guutummaatti argachuu danda’uu himaniiru.

Akkasumas, haqa qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tajaajilli inshuraansii fayyaa gahee olaanaa kan qabu ta’uu yaadachiisanii, bara bajataa darbe hawaasni faayidaa isaa hubachuun miseensa inshuraansii fayyaa akka ta’uuf hojiin bal’aan hojjetameera jedhaniiru.

Haaluma kanaan, maatiin miliyoona tokko ol ta’an miseensa inshuraansii fayyaa ta’uu isaanii ibsanii, kunis hawaasni sodaa baasiif osoo hin saaxilamiin tajaajila fayyaa qulqulluu akka argatuuf haala mijataa uumeera jedhaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015