Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad jalatti Afrikaa keessatti biyya humna guddaa qabdu ta'aa jirti – Miidiyaa Hindii Famas Firist Poost (Famous Indian Media First Post) - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad jalatti Afrikaa keessatti biyya humna guddaa qabdu ta'aa jirti – Miidiyaa Hindii Famas Firist Poost (Famous Indian Media First Post)
Hagayya 1/2018 (ENA): Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jalatti Afrikaa keessatti biyya humna qabdu ta'uuf ce'aa jirti jechuun miidiyaan beekamaan Hindii Firisti Posti gabaaseera.
Xiinxala gara daqiiqaa sagaliif Itoophiyaa irratti gaggeesseen, Firisti Posti Miidiyaan,Itoophiyaan biyya madda dhala namaa taate, lafa mootummoota durii, daandii daldalaa fi bu’uura seenaa Afrikaa ol’aanaa ta’uu hubachiiseera.
Erga Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gara aangootti dhufanii as biyyattiin boqonnaa haaraa hamma seenaa ishee darbee fi ulfina qabeessa ta’e ijaaruuf cimtee hojjechaa akka jirtu hubachiiseera.
Hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyitiin diinagdee guddummaa ishee ibsutti ce’aa jiraachuu fi kan naannichaa fi Afrikaa keessatti biyya humna jabaa qabdu ta’uuf kan dandeessisu fi egeree ardii kanaa bocu ijaaruuf hojjechaa jira.
Waggoota dheeraaf addunyaan Itoophiyaa waraana, hongee fi tasgabbii dhabuu siyaasaatiin akka beektu yaadachiisuun, har’a biyyattiin jijjiirama gammachiisaa bu’uuraalee anniisaa, aviyeeshinii, albuudaa fi dinagdee dijitaalaa irratti jijjiirama gammachiisaa ta’een seeneffama jallifame kana jijjiiruuf hojjechaa jirti jedha gabaasichi.
Itoophiyaan qormaata mudate irra aantee diinagdee Afrikaa saffisaan guddachaa jirtu keessaa tokko ta’uu dandeesse gaaffi jedhuuf deebisuun bal’inaan ibseera.
Gaaffii ijoo kanaaf deebiin bal’aan kan argamu pirojektoota gurguddaa kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalatti hojjatamaa jiran kan egeree Itoophiyaa murteessan keessa akka ta’e ibsaniiru.
• Inni jalqabaa Warraaqsa anniisaa fi Hidha Haaromsa Guddaa Itoophiyaati.
Imala jijjiirama Itoophiyaa keessatti wanti ijoo ta’e Hidha Haaromsa Itoophiyaa guddicha, pirojektii humna elektirikii bishaanii Afrikaa guddicha humna meeggaa waattii 5,000 ol maddisiisuu danda’u ta’uu Firsti Posti gabaaseera.
Hidhichi bu’uura hawwii industirii Itoophiyaa, humna ibsaa maddisiisuu, sharafa alaa fi dhiibbaa naannoo ta’uu ibseera.
Hidhicha adda kan godhu mootummaa fi ummanni Itoophiyaa, Baankii Addunyaa ykn Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa irraa saantima tokkollee osoo hin liqeeffatiin, dhiiga, dafqaa fi maallaqa lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraataniin ijaaramee, Itoophiyaanonni matuma isaaniin abjuu isaanii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisuu isaati.
Hidhichi konkiriitii fi tarbaayinii caalaa Itoophiyaanotaaf hiika guddaa akka qabu kan ibsu gabaasni Firist Posti jedhamus siidaa of danda’uu fi walabummaa dinagdee ta’uu isaa xiinxalaan kaa’eera.
Itoophiyaan humna ibsaa humna haaromfamuu danda’u Keeniyaa, Jibuutii fi Sudaanitti gurguruun gara galii guddaa maddisiisuutti jijjiiruun, naannoo Baha Afrikaa guutuuf wiirtuu walitti hidhamiinsa naannoo taatee jirti.
• Guddina utubaa Dinagdee Itoophiyaa Aviyeeshinii fi walitti hidhamiinsa naannawaa
Anniisaan qofaan isaa dandeettii dinagdee hin ijaaru; anniisaan industiricha kan kakaasu yoo ta’u, walitti hidhamiinsi daldala idil-addunyaa kan sooru ta’uu Firisti Posti gabaaseera. Daandiin qilleensaa guddichi Itoophiyaa, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, amma imala dorgomtummaa addunyaa guddaa ta’e eegaluu ibseera.
Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu doolaara biiliyoona 12.5’n saffisaan ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, waggaatti imaltoota hanga miiliyoona 110 fi fe’umsa gara toonii miiliyoona 4tti dhiyaatu keessummeessuu danda’a.
Guutummaatti yeroo xumuramu wiirtuuwwan aviyeeshinii addunyaa gurguddoo keessaa tokko ta’a jedheera.
Pirojektiin kun wiirtuu geejjibaa guddaa Finfinnee, wiirtuu dippilomaasii Afrikaa fi idil-addunyaa, akkasumas Afrikaa kutaalee addunyaa biroo waliin kan walqunnamsiisu ta’a.
Kanaaf Buufatni Xiyyaaraa Bishooftuu haaraan kun daldala, invastimantii fi turizimii, akkasumas tumsa dippilomaasii addunyaa irratti gahee olaanaa akka taphatuuf ijaaramaa jira.
• Invastimantii Albuudaa fi wabii nyaataa mirkaneessuun
Gama biraatiin Itoophiyaan qabeenya albuudaa biyyee ishee jala jiru irratti xiyyeeffachuun warraaqsa misoomaa gaggeessaa akka jirtu xiinxalameera.
Biyyattiin pirojektoota gurguddoo warqee fi albuuda baasuu biroo babal’isuun madda sharafa alaa haaraa maddisiisuudhaan industirii albuudaa ishee babal’isaa jirti.
Warqeen saffisaan oomishaalee al-ergii Itoophiyaa keessatti adda duree ta’uun dinagdee yeroo dheeraaf qonna irratti hirkataa ture gara damee adda addaatti jijjiiraa jira.
Gama biraatiin, gabaasni Gaazexaa Feristii Poostiin, jijjiiramni diinagdee kamiyyuu wabii nyaataa mirkaneessuu malee guutuu ta’uu akka hin dandeenye ibsee, qonni lafee dugdaa diinagdee Itoophiyaa ta’uu hubachiiseera.
Mootummaan Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n durfamu Itoophiyaan nyaataan of danda’uuf imala jijjiiramaa taasisaa jirtu keessatti bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa jira jedha.
Kanumaan walqabatee piroojektii kana keessatti wantoota ijoo ta’an keessaa tokko pirojektiin warshaa xaa’oo naannoo Somaaleetti ijaaramaa jiru yoo ta’u, waggaatti xaa’oo yuuriyaa gara toonii miliyoona 3 oomishuuf kan danda’u ta’uu ibsameera.
Kunis hirkattummaa xaa’oo biyya alaatii galfamu hir’isuun oomishtummaa qonnaa Itoophiyaa akka dabalu ibseera.
"Nageenyi nyaataa gidduu seentumaa tarsiimoo keenyaati. Galma sana galmaan ga'uuf galtee irratti hojjechuu qabna. Galtee irratti hojjechuu yoo dadhabne karaan wabii nyaataa galmaan ga'uu dandeenyu hin jiru" jedhu yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee uwwisa bal'aa kenneera.
Dijiitaalaayizeeshinii, Invastimantii fi Riifoormii Gabaa
Jijjiiramni Itoophiyaa keessatti deemaa jirus gara dijitaalaatti ce'aa jira. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) leenjiin Inishiyeetiivii Koodaroota Miiliyoona 5 dursee milkaa’uu fi dargaggoonni hedduun dijiitaala dubbisuu fi barreessuu akka danda’an taasiseera jedhan.
Haaluma walfakkaatuun walitti hidhamiinsi dijitaalaa babal’achaa kan jiru yoo ta’u, amma magaalota hedduu keessatti tajaajilli interneetii ‘4G fi 5G’ ni argama.
Itoophiyaan dameewwan akka telekoomii, baankii fi gabaa kaappitaalaa waggoota kurnaniif cufamanii turan invastaroota biyya alaatiif banuu ishees jajataniiru.
Gabaa kaappitaalaa eegaluun jijjiirraa kaappitaalaa dhuunfaa guddisuun guddina dinagdee keessatti gahee olaanaa akka qabus xiinxalaniiru.
Haaromsi kun akka waliigalaatti dinagdee mootummaan to’atu irraa gara invastimantii damee dhuunfaatiin socho’utti jijjiirama bu’uuraa keessa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibseera.
Qaala’iinsi gatii, rakkoon liqii, qormaanni nageenya naannoo fi dhiibbaan Galaana Diimaa (Red Sea) yoo jiraatanillee, Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta'uun, Baankii Addunyaa fi Chaayinaa waliin hariiroo cimsachuun dinagdee ishee jijjiiraa jirti.
Kunis fuuldura ishee fi naannichaa kan jijjiirudha.