Godina Shawaa lixaatti Lafa hektaara kuma 184 ol irratti Boqolloon Kilaastaraan misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa lixaatti Lafa hektaara kuma 184 ol irratti Boqolloon Kilaastaraan misoomaa jira
Hagayya 1/2018 (ENA) :Godina Shawaa Lixaatti oomsha gannaa bara kanaaan lafti hektaarri kuma 184 ol ta’u kilaastaraan misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.
Godinni Shawaa Lixaa haala qilleensa mijataa fi biyyee gabbataa qabuun godinaalee naannoo oromiyaa keessaa naannoowwan oomisha midhaaniin beekaman keessaa tokko dha.
Godinichatti midhaan oomishaman ijoo keessaa boqqolloon sadarkaa duraa kan qabatu yoo ta'u, maatiwwan naannichaaf wabii nyaataa fi madda galii isa ijoodha.
Naannichatti waggoota muraasa darban keessatti mala qonna kilaastaraan fayyadamuun qonnaan bulaan lafa xiqqaaqaban walitti qindeessuudhaan waliin akka qotan kan dandeessisuu dha.
Sirni kunis teeknolojii fi galtee itti fayyadamuudhaan oomishtummaa guddisuuf, oomisha dabaluu fi hidhannoo gabaa uumuuf gahee olaanaa qaba.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Tarrafaa Araarsaa ENA’f akka ibsanitti bara oomshaa 2108/19 yeroo gannaa kana lafti hektara kuma 219 fi 767 boqqolloodhaan facaafamuuf karoorfamuun karoorarra darbuudhaan lafti hektara kuma 226 fi 788 misoomsuun danda’ameera.
Kana keessaa kan lafti hektara kuma 184 ol ta'u mala kilaastaraan misoomaa jiraachu beeksisaniiru.
Keessumaa akka biyyaatti hiyyummaa balleessuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf kallattiwwan kaa’aman hordofuudhuun, naannichatti yaadota haaraa irratti hundaa’an gara hojiitti jijjiiruuf hirmaannaa qindoomina ummataa fi hoggansaa taassifamaa jira jedhaniiru.
Kallattii kanaan teeknolojii qonnaa haaraa qonnaan bulaa beeksisuu fi barsiisuun, wabii nyaataa mirkaneessuun olitti gabaa fi Industiriif galteewwan dhiyeessuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuu isaa eeraniiru.
Bara oomshaa kana godinichatti lafa boqqolloon uwwifame irraa waliigalaan oomishni kuntaalli miliyoona 13 ni argama jedhamee akka eegamu ibsaniiru.
Godinichatti bulchaan Aanaa Noonnoo Obbo Wandafiraash Luleessaa akka ibsanitti bara oomshaa kana aanichaatti lafti hektarri kuma 54 fi 433 midhaani addaddaan facaafamuura.
Kana keessaa lafti hektara kuma 26 ta’u boqqolloodhaan misoomusaa eeraniiru.
Qonnaan bultoonni aanichaa ENA’f yaada kennan akka dubbatanitti, duraan lafa hektara tokko irraa oomishni argatan kuntaala 12 kan hin caalle ta’uu ibsaniiru.
Haa ta’u malee bara kana mala kilaastaraa kanaan boqqolloo misoomsuun hektara tokko irraa oomisha dachaa ol argachuuf karoorfatanii kunuunsa barbaachisaa ta’e gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoota kana keessaa Obbo Shallamaa Warquu mala kilaastaraa kanaan sanyii facaasuu isaanii eeranii, teeknolojii qonnaa ammayyaa fayyadamuun isaanii oomisha fooyya’aa akka eegan dubbataniiru.
Qonnaan bulaan aanichaa biroon Obbo Garramuu Iddoosaa gama isaaniitiin, waggaa waggaatti gorsa ogeessaan deeggaramuun boqqolloo bal’inaan oomishuu isaanii fi bara kanaas oomisha fooyya’aa akka eegan dubbataniiru.