Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu argachuuf bu’uura seenaa fi seeraa ni qabdi - Obbo Junaddiin Saaddoo

Hagayya 1/2018 (ENA) – Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu argachuuf bu’uura seenaa fi seeraa ishee dandeesisu qabaachuu Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Junaddiin Saaddoo himan.

Obbo Junaddiin Saaddoo turtii ENA waliin taasisaniin, seenaa Itoophiyaa keessatti yeroon Itoophiyaan Galaana Diimaarraa adda baate waggoota soddomman darban qofa ta’uu yaadachiisaniiru.


 

Itoophiyaan Galaana Diimaa qofa osoo hin taane kallattii hedduun ulaa galaanaa qabaachaa turuu yaadachiisanii, shira keessaa fi alaan diinonni ishee yeroo hundaa biyyattii irratti raawwataniin Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hin qabaanne kan taasifame ta’uu eeraniiru.

Shira gareen ABUT fi Shaabiyaan hojjetaniin Itoophiyaa maqaa mootummaa ce’umsaan murtee uummataa malee ulaa Galaana Diimaa dhabuun Itoophiyaa qofa osoo hin taane biyyoota Gaanfa Afrikaa illee kan miidhe ta’uu Obbo Junaddiin ibsaniiru.

Gareen kun lamaan dinagdee Itoophiyaa irraa argamuun humna waraanaa fi dinagdee isaanii cimsuuf yaaluun, Itoophiyaa dadhabsiisuuf shira diriirsanii akka turees himaniiru.

Gaaffiin Itoophiyaan yeroo ammaa ulaa galaanaa argachuuf gaafachaa jirtu gaaffii yeroo isaa eeggatee fi deebii argachuu qabu ta’uu himanii, gara seeraatiinis ta’e gara dippiloomaasiitiin hojiin jalqabame cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Itoophiyaa biyya uummata miliyoona 130 qabdu ulaa galaanaa itti cufanii dhiibbaaf saaxiluun, Itoophiyaa qofa osoo hin taane biyyoota Gaanfa Afrikaa gama dinagdee fi hawaasummaan kan miidhu ta’uu ObboJunaddiin himaniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaan gaafachaa jirtu kun yeroo gabaabaa keessatti deebii quubsaa akka argatuuf hawaasni fi lammileen Itoophiyaa hundi tumsa barbaachisu akka taasisuu qabanis eeraniiru.

Rakkoo keessoo Itoophiyaa furuu, uummattootaa fi biyyoota ollaa waliin mari’achuun faayidaa waloo irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu isaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015