Mariin Biyyaalessaa Biyya Mijattuu Taate Dhaloota Dhaalchisuuf Haala Mijaataa Uumeera- Hirmaattota - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Biyya Mijattuu Taate Dhaloota Dhaalchisuuf Haala Mijaataa Uumeera- Hirmaattota
Hagayya 1/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru biyya mijattuu taate dhaloota dhaalchisuuf haala mijaataa kan uume ta'uu hirmaattonni ibsan.
Gumiin Marii Biyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8/2018 irraa eegalee Gidugala Konvenshinii Addis Idil-addunyaa keessatti geggeeffamaa jiru akkuma itti fufetti jira.
Bakka bu'oonni uummataa 4000 kanneen biyya keessaa fi ala jiraatan bakka bu'an ajandaawwan biyyaalessaa gurguddoo 8 irratti waliigalteerra gahuuf marii gadi fageenyaa fi hirmaachisaa gaggeessaa jiru.
Hirmaattonni yaa’ii marii biyaalessaa irratti hirmaachaa jiran akka jedhanitti, mariin kun Itoophiyaanonni caalaatti akka wal-baraniifi walitti dhufeenya isaanii akka cimsatan carraa mijaataa uumeera.
Yaa’ichaan garee gareedhaan ta'uun ajandaawwan biyaalessaa irratti yaada isaanii akka walii qoodan, dhimmoota nagaa fi misooma biyyaaf fayyadan irratti akka xiinxalan kan isaan dandeessise ta'uus ibsaniiru.
Hirmaattota yaada isaanii ENAf kennan keessaa Obbo Dirribaa Tashoomaa mariin biyyaalessaa kun hirmaachisummaa qaamolee hawaasaa garagaraa kan mirkaneesse ta'uu dubbataniiru.
Anis akka lammii tokkootti marii kana irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan yaada hirmaattonni kaasan dhaggeeffachaa, yaada koo bilisaan ibsaan jira jedhaniiru.
Yaa’ichi Itoophiyaa fooyyee qabdu ijaaruuf ajandaawwan biyyaalessaa irratti haala tasgabbaa'aa ta'een mari'achuun murteessaa ta'uu kan irraa barannedhas jedhaniiru.
Wal dhaggeeffachuun mari'achuun aadaa ammayyummaa ta'uus hirmaataan kun dubbataniiru.
Hirmaataan biraan Ajajaa Dhibbaa Ashannaafii Dibaabee gama isaaniitiin, dhimmoota biyyaalessaa gurguddoo irratti kanaan dura aadaa waliin mari’achuu waan hin qabneef Itoophiyaan rakkoolee garagaraatiif saaxilamtee turuu ishee kaasaniiru.
Dhaloota itti aanuuf biyya mijaataa fi fooyya'iinsa qabdu ijaaruuf akkasumas aadaa marii gabbisuuf, amma mari'achaa jirras jedhaniiru.
Yaa’iin marii kun hirmaachisaa waan ta'eef hirmaattota irraa barnoota fudhachuudhaan dhimmoota biyyaalessaa irratti ilaalcha fooyya'aa akka qabaatan kan dandeessise ta'uu kan dubbatan immoo hirmaataa biraa Jibiin Ahimadidha.
Adeemsa marii kana keessattis yaada isaanii bilisaan dhiheessaa akka jiran dubbataniiru.
Fuuldurattis adeemsa marii kanaan nagaa fi tasgabii ishee kan mirkanaa'e Itoophiyaa dhaloota itti aanuuf dabarsuuf itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii akka ba'atan mirkaneessaniiru.
Hirmaataan biraa Kaliifaa Suleemaan gama isaaniitiin mariin kun Itoophiyaan rakkoolee ishee humnaan osoo hin taane minjaala irratti mariin kan furtuu ta’u kan itti agarsiisnudha jedhaniiru.
Biyya ijaaruun kan danda'amu mariidhaan ta'uu dhalootaaf hubachiisuuf mariin kun kan gargaaru ta'uus dubbataniiru.