Ukkaamsaa garee seeraan alaa ABUT irratti qabsaa’uu qabna- Dargaggoota Naannichaa - ENA Afaan Oromoo
Ukkaamsaa garee seeraan alaa ABUT irratti qabsaa’uu qabna- Dargaggoota Naannichaa
Hagayya 1/ 2018(ENA): Gochaa ukkaamsaafi waraanaaf kakaasuu garee seeraan alaa ABUT irratti qabsaa’uu qabna jedhan dargaggoonni naannoo Tigraay ukkaamsaa garichaa dheessan.
Dargaggoonni kunneen uummannii fi dargaggoonni Tigraay gochaa ukkaamsaafi waraanaaf kakaasuu garee seeraan alaa ABUT balaleffachuufi irratti qabsaa’uu akka qaban ibsaniiru.
Gareen seeraan alaa ABUT yeroo ammaa diinota seenaa Itoophiyaa waliin ta’uun dargaggoota Tigraay dirqiin waraanaaf ukkaamsuun Sudaanitti gurguraa akkasumas midhaa cimaa irratti raawwachaa jira.
Dargaggoonni hedduunis soda irraa ka’uun naannawaa isaaniitii dheessaa jiru.
Dargaggoo Gabrakiroos Hiluuf ENAtti akka himetti, dibbee waraanaa gareen seeraan alaa kun reebuu fi yakka inni raawwatu keessatti akka hin hirmaanneef jecha baqachuu ibseera.
Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa fedhii uummata Tigraay deebisuuf haala mijataa uumuu yaadachiisee, mootummaan federaalaas dhimmoota waliigalticharratti taa’an raawwachaa akka ture kaaseera.
Faallaa kanaa gareen seeraan alaa ABUT waliigalticha cabsuun faayidaa uummata Tigraayiif dhimma akka hin qabne qabatamaatti agarsiiseera jedhe.
Uummannii Tigraay kan barbaadu nageenya ta’us garichi fedhii uummataan ala dargaggoota dirqiin ukkaamsaa fi waraanaaf kakaasaa jiraachuu ibsuun, kunis kufaatiifi fudhatamummaa dhabuu garichaa kan agarsiisu ta’uu eereera.
Gareen seeraan alaa kun Shaabiyaafi humnoota ergamtootaa biroo waliin qindaa’uun waraanaaf kakaasuun uummata Tigraay balaa hamaarra buusuuf sochii gochaa akka jiru eeruun, garee seeraan alaa kana hadheeffannee irratti qabsaa’uu qabna jedheera.
Dargaggoo Tsaggaali’uul Barihee gama isaan, uummanni Tigraay waraanni nu gaha jechuun garee seeraan alaa kana balaaleffachaa akka jiru ibseera.
Gareen seeraan alaa kun dargaggoota isa morman qofa osoo hin taane haadholii ijoollee keenya maaliif fudhattu jechuun gaafatan irrattis miidhaa geessisaa akka jiru dargaggoonni kunnee ibsaniiru.
Nuti dargaggoonni qabsoo garee seeraan alaa kanarratti jalqabne cimsinee itti fufuu qabna jechuunis waamicha dhiyeessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #