Garee Seeraan Alaa ABUT jalaa Uummata Tigraay baraaruu barbaachisa - Qondaaltota Waraanaa Ol’aanoo duraanii - ENA Afaan Oromoo
Garee Seeraan Alaa ABUT jalaa Uummata Tigraay baraaruu barbaachisa - Qondaaltota Waraanaa Ol’aanoo duraanii
Adoolessa 30/2018 (ENA) : Gareen seeraan alaa ABUT waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa cabsuu fi Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf humnoota alaa waliin tumsuun uummata Tigraayiin ammas gara waraanaatti galchuuf hojjechaa jira jedhan qondaaltonni waraanaa ol’aanoo duraanii.
Gareen seeraan alaa kun heera mootummaatiin alatti lolaaf waamicha taasisuun dargaggoota dirqamaan leenjisaa fi filaa jiraachuus saaxilaniiru.
Itamaajor Shuumiin Waliigalaa duraanii Humna Waraanaa Itoophiyaa Jeneraal Saamoraa Yenuus, uummanni Tigraay kana booda “waraanni na ga'eera” jechuu isaa cimsanii dubbataniiru.
Jeneraalonni naannichatti argaman tokko tokko humna qabaatanii osoo hin taane, hojiiwwan misoomaa gufachiisuu fi jeequmsa barataniin faayidaa dhuunfaa isaanii kabajchiisuuf olola waraanaa oofaa akkaa jiran himaniiru.
Jeneraal Saamoraan, caasaa ‘Tsimdo’ jedhamee waamamu ilaalchisee wayita ibsan, kun ergama badii Ijiptiin dursamuu fi Shaabiyaadhaan qindaa'e ta'uu dubbataniiru.
Shaabiyaan uummata Tigraayif fira dhugaa osoo ta'e, bakkeewwan humnaan qabate kanneen akka Zaalaambassaa fi Iroob gadi dhiisa tures jedhaniiru.
Dhugaa kana osoo beeku gareen seeraan alaa kun Shaabiyaa waliin tumsa uumuun isaa doofummaa fi uummata sana balaa irra kan buusu ta'uu ibsaniiru.
Garaagarummaan siyaasaa kamiyyuu murteewwan furmaataa argachuu kan danda'an mareedhaan qofa ta'uu hubachiisaniiru.
Qondaaltichi Waraanaa Ol’aanaan duraanii Koloneel Gabrawaahid Haayiluu gama isaaniitiin, gareen kun gaaffii diimokiraasii fi haqaa uummataatiif dantaa akka hin qabne ibsaniiru.
Gareen seeraan alaa kun haguuggii “uummataafin dhaabbadha” jedhuun aangoosaa dheeressuu fi qabeenya kuufachuuf kan itti fayyadamu ta'uu dubbataniiru.
Ofittummaa garee kanaarraa kan ka'e, uummanni Tigraay “ijoolleen keenya hafan ni dhumatu” sodaa jedhuun lubbuu fi jireenya gidduu akka jiraatu taasifamuus eeraniiru.
Qaamoleen aangoof of nyaachaa jiran kunniin dhabamsiifamanii naannichatti haqnii fi jijjiirama dhugaan mirkanaa'uu akka qabu akeekkachiisaniru.
Qondaaltonni waraanaa hangafootni lamaan, mootummaan Fedaraalaa rakkoolee karaa nagaa fi tasgabbiin furuuf imalli obsaa gochaa jiru baay'ee murteessaa fi filatamaa ta'uu isaas raajeffataniiru.
Naannoo Tigraayitti garee seeraan alaa kanaan rakkoo fi sodaan waraanaa amma ni ga'a jedhamuu fi uummata Tigraayiin garee badii kana jalaa baraaruun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru.