Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Ministirri Muummee haasawaa eebba tarminaala xiyyaaraa irratti dabarsaniin Carraa gara misoomaatti haa jijjiirru jedhani.
Haasaan isaaniis akka armaan gadiitti dhiyaateera:
Boohaa jiraachuurra,umurii guutuunii,
Maaliif hin qunxuuxu mirgi bitaadhaanii? Kuni walaloo Abbaa Nuuruuti.
Magaalaa Bahaar Daar keessa obbo Ahimad Walloo ykn Abbaa Nuuruu kan jedhaman daldalaa Zayitaa turani. Maqaan Daldala Zayitichaa isaanii Afaan Amaaraan Qibee Leminee jedhama ture. Kunis hiikni isaa Zayitiin dhadhaa gadi akka hin taane kan agarsiisudha.
Manguddoon kuni daldalaa zayitaa ta’uun alatti waan ittiin beekaman amala tokko qabu turani. Innis namoota galiidhaan isaan gadi jiruuf hojii uumuun ni gargaaru turani.
Kunis isaan zayita kennuun warri irraa fuudhan immoo zayiticha qinxaaboon gurguraa,maallaqa isaa erga gurguranii deebisuufii turani. Maanguddoon kuni gaarummaa isaaniin nama baay’ee beekamoo turani.
Namoota Maanguddoon kinu deeggaran keessaa dubartiin tokko jiru turani. Haati kuni yeroo hunda dhaqanii zayita fudhatu; gurguranii deebi’anii maallaqicha deebisanii zayita fudhatu. Yeroo hunda gaafa dhaqan garuu ni boo’u turani. Yeroo hundaa osooma boohanii zayita irraa fuudhanii qinxaaboon gurguru.
Haalli kuni Abbaa Nuuruutti bitaa gallaan maaliif yeroo hunda gaafa dhuftanii maallaqa naaf kennitanii deebitan boossuu jedhee gaafata. Haati kunis akkas jedhanii deebisaniif,ijoollota laman qaba; ilmi inni tokko zayita isan isin irraa liqaan fudhadhu dhama’ee dadhabee gurguree maallaqa isaa naaf fida. Garuu ilmi koo inni biroon immoo haala ilaallatee dhokatee maallaqa sana na jalaa qisaasessa. Ilmi koo inni tokko na gargaara; inni kan biraan immoo na dhadhabsiisa jedhani.
Kanaafi yeroo hunda gaddi natti dhagahama; kanan gadduu fi kanan boohu jedhanii deebisaniifi.
Yeroo kana dhagahan obbo Ahimad Walloon, walaloo tokko walaleessanii jedhama. Kunis akkas jedha Afaan Amaaraan ’’Qanyuu yeserraahuun, Giraa kaa ferresee,hulluum xoomaadaarii,honee yaageree sawu’’ jedhanii jedhama. Achumaan itti dabaluun walaloo kan biraa ‘’ Aalqisoo kemenoor idimee zamanuunii, ayixonexixim woy qanyuu giraawuunii jedhanii’’ jedhama. Kana jechuun mirgi bitaadhaan yoo hin qunxuuxne, mirgi yoo bitaadhaan hin abboomne; tasgabbeessuu yoo hin dandeenye, Abdiiwwan argine, yaaliiwwan argine baduu danda’u. Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu jedhani ergaa isaaniin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.