Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan hannaa fi al-Seerummaa ittisuuf tarkaanfii jabaa fudhachaa jira – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

Adoolessa 30/2018 (ENA) Fooyya’insa Dinagdee gooroo Mootummaan Itoophiyaa hojiirra oolchaa jiru gufachiisuuf warra socho’anii fi qabeenya biyyaa warra saamaniirratti mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiraachuu beeksise.

Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa FDRI Aadde Ennaataalam Mallasaa har’a ibsa miidiyaaf kennaniin; Itoophiyaan waggoota darbanitti guddinaa fi misooma saffisaa mirkaneessuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamuu isaanii ibsuun, kanaanis bu’aawwan biyyaalessaa bal’aanii fi dinqisiisoon galmaa’uu ibsaniiru.Haa ta’u malee, adeemsa kana keessa bu’aan kun guutummaatti karaa salphaa kan dhufe akka hin taane hubachiisaniiru.

Hudhaalee biyyaalessaa fi Idil-Addunyaa adda addaan olitti hojiin Al-seerummaa fi malaammaltummaan qormaata misoomaa guddaa ta’ee turuusaa Ministirri kun ibsaniiru. Akka ibsa Ministira kanaatti, rakkoon al-seerummaa qaama tokko qofaaf kan daangeffame osoo hin taane, kutaa hawaasaa bal’aa kan qabatuu fi keessaa fi Alaan humnoonni gurmaa’anii socho’aa turuu dubbataniiru.

Kunis Hawaasa Daldalaa, Dhaabbilee misoomaa, caasaa mootummaa, dhuunfaawwanii fi tajaajilamtoota dabalatee bifa gurmaa'een bal'inaan kan mul'atudha.

Qaamoleen kun fooyya’insa dinagdee Mandhaalee to’annoo ala gochuuf sirna faayinaansii fi daldala keessa seenuun shira dinagdee olaanaa raawwachaa turaniiru kan jedhan Aadde Ennaataalam; gochi kun biyyattiin sharafa alaa akka dhabdu, daballii gatii seeraan alaa fi kontirobaandiin akka hammaatu, akkasumas meeshaalee dhiyeessii fi fayyadamaarratti hanqina nam-tolchee akka uumamu taasisuu isaa yaadachiisaniiru.

Shira gurmaa’aa kana dhaabamsisuuf mootummaan fi qaamoleen seeraa dhimmi ilaallatu opeereeshinii bal’aa gaggeessaniin shira kana fashaleessuun danda’amuu ibsaniiru.

Gama biraatiin, caasaa mootummaa tajaajila kennanii fi qaama bulchiinsaa, akkasumas dhaabbilee uummataa keessatti hattuu uummata keessa dhokatan qulqulleessuurratti mootummaan tarkaanfii murteessaa fudhachaa jiraachuu kan beeksisan Aadde Ennaataalam; qabeenya uummataarratti saamicha olaanaa raawwatanii fi shira dhaabbataarratti hirmaatan gaggeessitootaa fi qaamolee faayidaa waliin hidhata qabanirratti tarkaanfiin cimaan fudhatamuu ibsaniiru.

Keessattuu dameewwam ijoo keessatti yakka raawwatamerratti qorannoo bal’aan taasifamee akkasumas itti-gaafatamummaan mirkanaa'eera.

Kana malees, dhaabbilee mootummaa da’oo taasifachuun namoota qabeenya uummataa saaman, malaammaltummaa raawwatanii fi shira dhaabbataa hojjetan irratti tarkaanfiin cimaa fudhatamaa akka jiru ibsameera.

Tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa kanneen Fooyya'iinsa diinagdee gufachiisuuf carraaqan dhaabbileen dhiyeessii oomishaalee bu'uuraa 13 ta'an oomisha kuusuun hanqina uumanii gatiin akka ol ka'u taasisaa turan akeekkachiifamaniiru. Dhaabbilee daldalaa seeraan ala oomishaalee kuusaan 7,000 ol ta'an irratti akka cufaman taasisuurraa eegalee tarkaanfiin akka gaafataman taasisuu fudhatameera.

Faayinaansii fi sharafa alaan walqabatee namootni Itoophiyaa keessaafi biyya alaas jiraatan 169 gabaa Seeraan alaa keessatti hirmaatan seeraan akka gaafataman ta'aniiru. Namoonni 36 maallaqa herrega baankii gowwoomsaan fudhatan to'annoo jala oolanii herregni isaanii cufameera. Appilikeeshinoonni Kiriptoo Kaaraansii 7 seeraan ala itti fayyadamaa turan guutummaatti dhorkamaniiru.

Dhaabbileen Qumaara taphachiisan 38 gibira mootummaan argachuu qabu dhoksan fi maallaqa seeraan ala sochoosan irratti tarkaanfiin fudhatamee qabeenyi isaanii to'atameera.

Damee Albuudaa keessattuu Warqee karaa seeraan alaa baasuun wal-qabatee hojjettootni mootummaa, qaamolee nageenyaa, oomishtootaafi lammiilee biyya alaa dabalatee 183 ta'an warqee kontiro baandiin baasan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatameera.

Warqeen seeraan ala, meeshaaleen warqee itti madaalanii fi baasan, maallaqni biyya alaa fi meeshaaleen waraanaa to'annoo jala oolaniiru.

Boba'aa fi loojistiksii hoggantoonni hojii mootummaa 38 xalayaa sobaa qopheessuun fi boba'aa dhoksuun yakka raawwatan seeraan akka gaafataman ta'aniiru. Namoota dhuunfaa fi dhaabbilee 650 ol daldala boba'aa seeraan ala irratti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Bittaa xaa’oon walqabates hoggantoonni Ministeera Qonnaa xaa'oo qulqullina hin qabnee fi yeroon isaa darbe bituu keessatti hirmaatan seeraan akka gaafataman ta'aniiru.

Dhimma Humna Elektirikaa Itoophiyaan walqabatuun hoggantoonni olaanoo 4 dhaabbilee ‘data mining’ 36 waliin waliigaltee humna elektirikaa seeraan ala mallatteessan irratti tarkaanfiin fudhatameera. Namoota humna elektirikaa hatan irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatamuun akka adeemsa seeraan gaafataman taasifameera.

Ministeera Hojii fi Ogummaatti Hoggantoonni fi hojjettoonni 8 hojii lammiilee gara biyya alaa erguu irratti malaammaltummaa fi matta'aa fudhachuu keessatti hirmaatan to'annoo jala oolaniiru. Daldaltoonni 44 to’atamuun, dhaabbileen eeyyama seeraan ala qabanis cufamaniiru.

Gama Galii fi Gumurukaan Namoota gibira mootummaa hir'isan, ragaa sobaa qopheessan fi sirna odeeffannoo balleessan keessaa shakkamtoonni 109 adda baafamanii, isaanii keessaa 91 to'annoo jala oolaniiru.

Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Aadde Innaataalam Mallasaa miidiyaaf kennaniin ergaa dabarsaniin mootummaan malaammaltummaa fi saamicha qabeenya mootummaa balleessuuf kutannoo cimaa qabaachuu ibsanii, uummannis malaammaltummaa saaxiluun, matta'aa diduun fi al-seerummaa balaaleffachuun mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015