Eergaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Dabarsan: - ENA Afaan Oromoo
Eergaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Dabarsan:
Guyyaa har’aa babal’iinsa buufata xiyyaaraa Baahir Daar Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa eebbisneerra.
Har’a mooraa xiyyaaraa idil-addunyaa Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti tarmiinaala haaraa eebbifneerra. Kunis mooraa xiyyaaraa balal’iinsaa Itoophiyaa isa murteessaa ta’e kanaaf seenaa guddaa fi milkaa’ina guddaadha. Pirojeektiin kun tarmiinaala ammayyaa qofa ta’uu isaa olitti hiika guddaa qaba.
Baahir Daar qormaatilee dhiyeenya kana mudatan booda, ijaarsi buufata kanaa xumuramee tajaajila eegaluun isaa agarsiistuu ciminaa, fooyya’iinsaa fi invastimantii itti fufiinsa qabu mirkaneessudha.
Tarmiinal haaraan kun bakka buufata xiyyaaraa bal’aa, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa, daandiiwwan seensa/ba’iinsaa hojjetamanii fi meeshaalee ammayyaa kan of keessatti hammatedha. Kunis dandeettii simannaa buufata xiyyaaraa kanaa fooyyessuudhaan fedhii imaltoota naannichaa guddachaa jiru kan guutu ta’uun, imaltootaafis tajaajila mijataa fi ariifachiisaa kenna.
Tarminaalli haaraan kun jijjiirama magaalaan haaressaa jiru kana waliin simsiisuun, Baahir Daariin balali’iinsa idil-addunyaa fi biyya keessaatiif bakka murteessaa fi wiirtuu biraa ishee taasisa.
Magaalaan si’ooftuun Baahir Daar faayidaa diinagdee argamsiiftu mirkaneessuuf, uummanni naannichaa nageenya isaa eeggachuu kan itti fufu ta’uu akka qabu abdiin qaba.