Guddinni damee albuudaa waggoota darban keessa saffisaan dabalaa dhufeera - Ministira Injinar Habtaamuu Taganyi - ENA Afaan Oromoo
Guddinni damee albuudaa waggoota darban keessa saffisaan dabalaa dhufeera - Ministira Injinar Habtaamuu Taganyi
Adoolessa 30/2018 (ENA): Waggoota darban keessatti guddinni damee albuudaa saffisaan dabalaa dhufe jedhan Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi.
Ministeerichi madaallii raawwii hojii bara baajata 2018 fi karoora bara baajata 2019 gaggeessaa jira.
Waltajjii madaallii kanarratti Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi dabalatee hoggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbilee dhimmi ilaallatu argamaniiru.
Ministirichi dameen albuudaa utubaawwan diinagdee biyyattii shanan keessaa tokko ta’uu ibsuun, waggoota darban keessatti guddinni damichaa saffisaan dabalaa dhufuu himaniiru.
Bara baajataa xumurame keessatti damee kanarraa sharafa alaa gara doolaara biiliyoona 5.6 argachuu akka danda’ame ibsaniiru.