Tamsaasa Kallatti:

Misooma Avokaadoon fayya damummaa Dinagdee keenyaa caalaatti guddisuuf hojjechaa jirra - Qonnaan Bultootaa Aanaa Bachoo

Adoolessa 30/2018 (ENA): Qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachoo omisha Avukaadoo irraa argatan dabaluun fayyadamummaa isaanii guddisuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.

Avokaadoo gabaa biyyootaa Alaaf erguuf carraa uumamaa jiru hordofuun hirmaannaan qonnaan bulaa damichaan jiru kaka'umsa agarsiisaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Baaboor beeksiseera.

Qonnaan bulaan Aanaa Bachoo bara 2012 eegalanii misooma avukaadoo irratti bobba'an Obbo Yimaam Alamuu yeroo ammaa omisha gaarii argachaa jiraachuu dubbataniiru.

Misooma Avokaadoorratti bobba’uun Wabii nyaataa isaanii mirkaneeffachuun dinagdeesaanii guddifachuusaaniis ENA’f ibsaniiru.

Bara darbe Kg. kuma 600 gabaa alaaf erguu danda'uu isaanii kan ibsan Obbo Yimaam, bara omishaa qabametti hamma gabaa alaaf dhiyeessan akka dabalan eeraniiru.

Omishasaanii caalaatti guddisuun gabaa biyya keessaa fi biyya Alaatiif dhiheessuuf sanyii Avokaadoo fooyya’aa bal’inaan misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.

Jiraataa aanichaa biroon Obbo Mahaammadsaalii Sheek Mizbaawu ammaan dura omishan avukaadoo omishaniin ijoollee isaanii barsiisuufi jireenya isaani ittiin gaggeeffachuuf guddaa isaan gargaaruu isaa ibsaniiru.

Kana irraa ka'uun caalaatti omishuun fayyadamoo ta'uuf babal’isuun hojjechaa jiraachuusaanii kaasaniiru.

Ganna kana lafa hektaara tokko kan ta'u qopheessuun sanyiiwwan avukaadoo filatamoo dhaabaa jiraachuu isaanii eeraniiru.

Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Itti-aanaa Bulchaa Aanichaa Obbo Tasfaayee Dhibbeesaa akka jedhanitti, misooma avokaadoof xiyyeeffannoo guddaa kennuun hawaasni naannichaa fayyadamaa taasisuuf gandoota hunda keessatti bal’inaan hojjetamaa jirachuu eeraniiru.

Keessattuu bara darbe omishni avokaadoo aanichaarraa gabaa alaa dhiyeessuun danda’amuu hordofee, hojichaaf kaka’umsi caalu qonnaan bulaa biratti uumamuusaa Obbo Tasfaayeen ibsaniiru.

Kana babal’isuufis xiyyeeffannoon kennamuun aanichatti ganna kana lafa hektaara 100 ga’u irratti biqiltoonni sanyii avokaadoo filatamoo ta’an kilaasteraan dhaabamaa jiraachuu eeraniiru.

Itti-aanaa Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaaboor Obbo Awwal Mahaammad akka ibsamanitti, mootummaan misooma avokaadoof xiyyeeffannoo kennuun godinicha keessatti hojii hojjetamaa jiruun waggoota darban bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu ibsaniiru.

Keessattuu bara darbe aanaalee godinichaa tokko tokko keessatti oomisha avokaadoo gara gabaa alaa erguun eegalamuu isaa hojicha babal’isuuf kaka’umsa guddau uumuu dabalatee, lakkoofsi qonnaan bulaa damee kana irratti bobba’anii akka dabalu taasiseera.

Hanga ammaattis lafti hektaara kuma 73 ga’u avokaadoon dhaabamuu kan ibsan Obbo Awwal, qonnaan bultoonni kuma 130 ta’an damee kana irratti bobba’uun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015