Tamsaasa Kallatti:

Haaromsa Turizimii Itoophiyaa: "Maaddii Shaggariif"


Pirojektiin "Maaddii Shaggariif" bifa Magaalaa Finfinnee jijjiiruun jiraattotaaf haala mijataa uumuun bu’aa guddaa galmeessiseera.Waa’ee qulqullinaa fi bareedina magaalaa qofa osoo hin taane, sadarkaa jireenya jiraattotaa ol kaaseera.

 Carraa hojii dhaabbataa uumuu dabalatee, madda galii turizmii haaraa fi amansiisaa uumuu danda’eera. Biyyattiin pirojektoota gurguddoo qulqullina olaanaadhaanii fi yeroo gabaabaa keessatti xumuruu akka dandeessu mirkaneesseera. 

           

Milkaa'inni "Maaddii Shaggariif" guddina magaalaa Finfinnee qofaatiin kan daanga’e miti. Inni har’a gara xiyyeeffannoo guddina biyyaaleessaatti ce’uun, sagantaalee gurguddoof bu’uura kaa’eera.


 

Seenaan, uumamaa fi bakki hawwata turiizimii yeroo walitti dhufan, indaastirii turiizimii biyya tokkoo guutuu taasisu.

Addunyaa irratti biyyoonni waan kana hunda bakka tokkotti qaban muraasa. Keessattuu biyyoonni seenaa durii uumama wajjin qaban lakkoofsa muraasa. Biyyoota kana keessaa muraasni isaanii qofa bakka hawwata isaanii misoomsuudhaan, turizmii irraa badhaadhina hin dhumne argachaa jiru.

Seektarri damee kanaa faayidaa dinagdee isaatiin ala, ilaalcha bifa biyya tokkoo haala gaariin agarsiisuuf bu’aa guddaa qaba.

Itoophiyaan Addunyaarraa biyyoota uumamaan badhaadhan muraasa keessaa ishee tokkodha. Seenaa yoo ilaalle, biyya seenaa mootummaan buluu waggoota dheeraa qabdudha. Kanaafis, hambaawwan seenaa Aksum irraa hanga Jugol, Masaraa Mootii Abbaa Jifaar, Masaraa Mootii Kumsaa Moorodaa kkf jiran ragaadha.

Uumama yoo ilaalle ammoo, Itoophiyaan qilleensa hundaaf mijataa, haala qilleensaa hunda, haala teesuma lafaa kan nama dinqisiisuun guutamtee fi bineensotaa fi simbirroota addunyaa biraatti hin argamnes kan qabdudha.

 Sulula gadi fagoo  Daanaakil irraa hanga lafa tabba Tulluu Raas Daashan, Tulluu Diimtuu, isa ol-aanaatti, ho’a gubaa Eertaallee irraa hanga Baddaa diilallaa’aa Saannattee, bosona uumamaa fi kkf Itoophiyaan of keessatti kan qabatte  daawwatamee kan hin quufamne qabeenya qaalii qabdi.


 

Garuu, qabeenyi ishee kun waggaa baay'eef osoo hin misoomiin dhokatee turuudhaan nama misoomsu dhabee ture faayidan ala ture. Gaafa Mootummaan Jijjiiramaa Doktar Abiyyi Ahimadiin durfamu aangoo qabaterraa kaasee qabeenya kana qama misoomsuu argattee 'Aduun baatee'f.

Mul’atni "Maaddii Shaggariif" Falaasama Ida’amuu bu'uura godhachuudhaan, qabeenyaa fi humna mootummaa, seektaara dhuunfaa, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa, akkasumas uummata hundaa qindeessuudhaan kan bu’uureffameedha.

Yeroo gabaabaa kana keessattis misoomawwan paarkiilee gurguddoon armaan gadii dhugoomaniiru.

Pirojektiin "Maaddii Shaggariif" Magaalaa Finfinnee misoomsuudhaan, magaalattii jiraattotaaf mijaataa fi bakka gahumsa tuuristoota addunyaatiif iddoo boqonnaa kan taasise tarkaanfii misoomaa guddaadha.

Muuxannoo kana humna biyyaa keessaa qindeessuudhaan guddina biyyaa yeroo gabaabaa fi dheeraatiif fayyadamuu akka danda'amu gochaan kan mirkaneessedha. Akkasumas, haaromsa dinagdee fuulduraatiif karaa kan saaqe hojii seena qabeessadha.

Finfinnee iddoo Turizmii fi dinagdee ammayyaa’aa taasisuuf karoora qabameen yaada "hin danda’amu" jedhu cabsuun pirojektiin kun gahee olaanaa gumaacheera.

Pirojektiin "Maaddii Shaggariif" yaada maddisiisuu fi kaka’umsa kallattii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin kan jalqabamedha.


 

 Finfinneen akkuma maqaa ishee deebisanii haaromsuuf kaayyeeffatamee eegalame. Kanaan dura magaalattiin rakkoo qulqullinaa, miidhaginaa fi sirna magaalummaa keessa turte irraa gara wiirtuu magaalaa guddoo ammayyaa fi qulqullina sadarkaa addunyaa eeggatetti hojii jijjiiree agarsiiseedha.

Pirojektiin kun misooma turizmii fi miidhagina magaalattii fi hojiilee kanaan dura xiyyeeffannoo dhabanii turan qorannoo fi pilaanii magaalaa ammayyaatiin misoomsuudhaan, bifa magaalattii jijjiiruu bira darbee, seektaara turizmii biyyattiitiif boqonnaa  haaraa baneera.

Falaasama Ida’amuu fi Ijaarsa Paarkiilee

Mul’atni "Maaddii Shaggariif" Falaasama Ida’amuu bu'uura godhachuudhaan, qabeenyaa fi humna mootummaa, damee dhuunfaa, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa, akkasumas uummata hundaa qindeessuudhaan kan bu’uureffamedha. Yeroo gabaabaa kana keessattis misoomawwan paarkiilee gurguddoon armaan gadii dhugoomaniiru:

  1. Paarkii Tokkummaa: Masaraa mootummaa seenaa qabeessa ta’e kan  Araat Kiiloo  jiru fi waggoota hedduuf  dagatamee ture baasii maallaqaa guddaan haaromfamee uummataa fi daawwattootaaf banaa gochuudhaan, Seenaa, Aadaa fi miidhagina uumamaa waliin iddoo daawwannaa guddaadha.

 Paarkiin kun Aadaa fi Seenaa naannoolee hundaatiin alatti biqiltuu fi bifa bineensota bosonaa of keessatti kan qabatedha. Haaluma kanaan, namootni biyya alaa fi keessaa baay'inaan dhaqanii daawwachaa jiru. Gama Seenaatiinis Siidaan Moototaa kan keessatti dhaabbatee fi kunis seenaa yaadachuu fi irra barachuuf carraa uumee jira.


 

  1. Paarkii Inxooxxoo: Magaalattii lafa olka'iinsa qabdu irraa dhaabbatanii ilaaluuf kan dandeessisu bakka miidhagaa fi mijaataa ta'ee hojjetameera.Iddoowwan ispoortii fi bohaartii, akkasumas paarkii ammayyaa qilleensa uumamaa misooma biqiltuu magariisa qaban waliin walsimsiisee kan of keesatti qabatedha.

 Haala qilleensaa haara galfiif tolu, namoota dhuunfaafis ta’e Atileetotaaf iddoo fiigicha itti shaakalan, bakka gugsa  fardeenii kan qabuu fi bakka bashannana mijaataadha.

  1. Paarkii Michoomaa: Handhuura magaalaattii keessatti kan argamu, bohaartii uummataaf, walga'iiwwanii fi qophiilee garaa garaatiif mijaawaa kan ta'e wiirtuu miidhaginaa fi qulqullinaati.

 Paarkiin kun kanaan dura iddoo jireenya mijaata hin taane, maneen dulloomoo fi jireenyaaf hin mijaannee kan turan diiguudhaan paarkii biqiltuu uumamaa, abaaboo  mimmiidhagoo, daandii lafoo, biskiileetii fi iddoo bashannana daa'immanii kan of keessatti hammatee hojjetamedha. Kunis kanaan dura rakkoo iddoo haara galfii ture furuudhaan ummataaf bakka filatamaa hunda galeessa ta'e ijaarameera.

  1. Gola-hambaaSaayinsii: Adeemsa teekinoolojii fi innooveeshinii Itoophiyaa ariifachiisuu fi dandeettii uumamaa kan jajjabeessu caasaa sadarkaa addunyaa eeggateedha.     

Faayidaalee Hawaasummaa fi Dinagdee

Pirojeektiin kun miidhagina magaalattii dabaluu bira darbee, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee waliigalaa fideera:

  • Gumaacha Koniifransii Turizmiitiif: Magaalattii walga'iiwwan addunyaa fi koniifransii turiizmiitiif baay'ee mijaawaa gochuudhaan, yaa'insa  daawwattoota alaa fi galii sharafa alaa seektaaricharraa argamu ol kaaseera.
  • Carraa hojii Uumuu: Yeroo ijaarsaasaattis ta'e dame tajaajilaa keessatti lammilee kumaatama hedduudhaaf carraa hojii dhaabbataa uumeera.
  • Tumsa Uummataa fi Mootummaa: Dandeettii biyya keessaa, dame  dhuunfaa fi hirmaannaa hawaasaa qindeessuudhaan pirojektoota gurguddoo qulqullinaanii fi yeroo gabaabaa keessatti xumuruun akka danda'amu gochaan kan agarsiise fakkeenya gaariidha.

Pirojektiin “Maaddii Shaggariif”jedhuun eegale  gara   guddina biyyaaleessaatti pirojeektiin fakkeenya ta’e milkaa'inaan Finfinnee keessatti galmeeffame kun magaalattii qofaatti kan daanga'e osoo hin taane, gara sagantaalee "Maaddiin Biyyaa" fi "Maaddiin Dhalootaaf" jedhamanitti guddateera.


 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015