Duudhaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyyaa fi ummata tiksuu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuudha. - ENA Afaan Oromoo
Duudhaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyyaa fi ummata tiksuu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuudha.
Adoolessa 29/2018 (ENA): Duudhaan bu’uuraa Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’uudha jedhan Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Diras.
Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa daawwachuun deeggarsa meeshaa fi maaddii qooddataniiru.
Akka Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Darasiitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa adda addaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa jira.
Har’as dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa keessa jiru daawwachuun deeggarsa bal’aa taasisuu akka danda’es eeraniiru.
Hojiin waldichaa "nama gargaaruuf nama ta'uu" qofti gahaa dha jedhu irratti kan hundaa'e namummaa guddaa kan agarsiisuu fi biyyaaf fakkeenya ta'uu eeruun, lammiilee deeggarsa barbaadan gargaaruun, nagaa biyyaa fi ummataa eeguun alatti, duudhaa bu’uuraa raayyaa ittisa biyyaa ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsi waliigalaa kun taatee yeroo tokkoo osoo hin taane, waldicha cinaa dhaabbachuun deeggarsa isaanii cimsuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.
Maanguddootaa fi dhukkubsattoota deeggaruun itti gaafatamummaa nama hundaa ta’uu akka qabu hubachiisuun, ummanni Itoophiyaa guutuun, invastarootaa fi lammiileen biyya alaa jiraatan kaayyoo qulqulluu kana cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.
Akkasumas, maanguddootaa fi dhukkubsattoota waldicha keessa jiraniif ergaa dabarsuudhaan, "Isin qabeenya biyya keenyaa fi imaanaa keenyaati; isin kophaa keessan miti, raayyaan ittisaa fi ummanni guutuun isin waliin jira" jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Hundeessaa fi daayreektarri Waldaa tola ooltummaa Maqadooniyaa Biiniyaam Ballaxaa gama isaaniitiin, Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa meeshaa fi waldicha maaddii qooddachun isaatiif galata guddaa qaban ibsaniiru. Dhaabbileen biroos ta’e namootni dhuunfaa fakkeenyummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa hordofuun waldichaaf deeggarsa danda’amu hunda akka taasisanis waamicha dhiyeessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #