Naannichaatti hojiilee hordoffii fi to’annoo gabaa cimsuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Naannichaatti hojiilee hordoffii fi to’annoo gabaa cimsuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Adoolessa 29/2018 (ENA): Bara baajataa qabametti hojiilee hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun akkasumas dhiyeessii omishaalee qonnaa fi industirii akka fooyya'u taasisuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu Ejensiin Misooma Daldaa Naannoo Hararii beeksise.
Hogganaan Ejensii Misooma Daldaa Naannoo Hararii obbo Shariif Mummee dhimmoota raawwii ijoo bara baajata kanaa irratti ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniitiinis bara baajata kanatti naannichatti qaala’insa jireenyaa salphisuuf hojiileen dandeessisan cimee kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru.
Keessattuu hojiilee hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun dhiheessii omishaalee qonnaa fi industirii akka fooyya'u taasisuun hojiileen xiyyeeffannaa olaanaa kan kennamuuf ta'uu dubbataniiru.
Daldaltootaa Hawaasa shamaachaa baasii hin mallee saaxilanii fi kan rakkisan akkasumas daballii gatii hin malle raawwatan irratti hojiin iti gaafatamaa taasisuu hojjetama jedhan.
Dhiyeessii omishaa fooyyaessuun, hudaawwan waliti hidhaminsa gabaa hiikuunii fi daldala seeraan alaa to'achuuf hojiileen xiyyeeffannaa addaa kennameefii kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.
Gabaa Sanbataa fi Dilbataa cimsuun omishaalee kuduraafi muduraafi bu'aalee industirii kallattiin shamaataaf dhiyeessuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.