Haaromsa kallattii hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffame keessatti bu'aan milkaa'aan galmaa'eera – Obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Haaromsa kallattii hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffame keessatti bu'aan milkaa'aan galmaa'eera – Obbo Adam Faaraah
Adoolessa 29 /2018 (ENA): Riifoormii roga hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffameen bu’aan milkaa’aan galmaa’uu isaa Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah himaniiru.
Waajjirri Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa gamaaggama raawwii karoora bara baajata 2018 fi waltajjii seensa karoora bara baajata 2019 gaggeesse.
Akka Itti Aanaa Pireezidaantii paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah jedhanitti damee siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii irratti hojiin haaromsaa bal’aan galmaa’ee jira.
Akkasumas, sochii marii biyyaalessaatiin uumame fayyadamuun riifoormichi gara jijjiirama sirna siyaasaa guutuutti galmaan ga’uuf akka itti fufu ibsaniiru.
Finxaaleyyii qolachuufi hariiroo paartilee lameenii guddisuufi dhaabbilee ciccimoo uumuuf hojiin istaandardii taasifamuu eegalame cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru.
Obbo Adam mootummaan Ida’amuu Paartii Badhaadhinaan durfamu hojii dhaabaa bu’a qabeessa ta’ee fi mootummaa cimaa fi biyya cimtuu ijaaru raawwachuu danda’uu isaa ibsaniiru.
Hogganaa fi miseensota dabalatee caasaa hunda sochoosuun hojiin misoomaa ummata fayyadamoo taasisu hojjetamuus ibsaniiru.
Hoggansii fi miseensonni sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa itti kenname qulqullinaa fi gahumsaan raawwachuu akka qaban kan ibsan obbo Adam, bu’aa olaanaa bara baajataa keessatti galmaa’eef gumaacha hooggansaa fi hojjettoonni waajjirichaa taasisaniifis galateeffataniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #