Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Kaasahuun Gofee - ENA Afaan Oromoo
Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Kaasahuun Gofee
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif murteessaadha jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee.
Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa 19ffaa mata duree "Metrooloojii Jijjiirama Dijiitaalaa; Safartuuwwan Amanamoon Egeree Afrikaaf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’ii Waliigalaa kana irratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee ; Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetrooloojii Itoophiyaa Dr. Mulugeetaa Darribaawu fi Pireezidaantiin Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa (AFRIMETS) Dr. Heenerii Kibeet Rootich , qondaaltota mootummaa olaanoo fi bakka bu’oota biyyoota Afrikaa adda addaa aragamaniiru.
Ministirri Daldalaa fi walitti hdhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee wayita sana akka jedhanitti; Oomishaaleen biyya Afrikaa tokko keessatti oomishaman sakatta’iinsa qulqullinaa fi safartuu dachaa osoo hin darbiin bilisaan biyya tokko irraa gara biyya biraatti akka socho’an istaandaardii safartuu tokkummaa diriirsuun barbaachisaa dha jedhani.
Ida’amuun daldala ardiilee bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u biyyoonni sirna to’annoo safartuu walfakkaataa fi sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu yoo qabaatan qofa akka ta’e ibsaniiru.
Itti dabaluunis sirna meetirooloojii ammayyeessuun dijiitaala gochuun Afrikaan hubannoo namtolchee fi teeknooloojiiwwan omishaa sadarkaa olaanaa qabaniif akka qophooftu taasisa jedhan.
Bu’aan qorannoo laabraatoorii akka ardiitti fudhatama akka argatu gochuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa sirna meetrooloojii istaandaardii waliin walitti hidhuun danqaawwan daldalaa akka maqsus hubachiisaniiru.
Dandeettii qorannoo laabraatoorii fi safartuu guddisuun danqaa daldalaa hir’isuu qofa osoo hin taane, daataa safartuu amanamaa ta’een ardii kana gara dinagdee dijitaalaatti akka ceetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan haaromsa dinagdee biyya keessaa isheetiin dandeettii dhaabbilee guddisuu, invastimantii biyya alaa hawwachuu, oomisha qulqullina qabu gara biyya alaatti erguuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru.
Itoophiyaan michoota naannoo fi idil-addunyaa waliin hojjechuun istaandaardii meetirooloojii cimsuu fi walitti hidhaminsa dinagdee Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo guutuu qabdu irra deebitee mirkaneessiteetti.