Tamsaasa Kallatti:

Godina Gujiitti Omiishni Rooba Arfaasaatiin Misoome Kombaayiinaraan Deeggaramee Walitti Qabamaa Jira

Adoolessa 29/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti omiishni rooba Arfaasaatiin misoomee ga’e Kombaayiinaraan deeggaramee walitti qabamaa jiraachuun ibsame.
Godinichatti roobni Arfaasaa Bitootessaa hanga Eblaatti waan roobuuf hojiin qonnaa fi facaasaa kan geggeeffamu yoo ta'u, omiishni ga'es hanga walakkaa Hagayyaatti kan walitti qabamu ta'uun ni beekama.


Waajjirichatti Dursaan Garee Misoomaa fi Eegumsa Midhaanii Obbo Mangistuu Hirbaayee ENA’f akka ibsanitti, omisha rooba Arfaasaatiin lafti hektaara kuma 301 fi 956 ta'u misoomera.


Kana keessas lafti hektaara kuma 240 ol ta'u kilaastaraan kan misoome yoo ta'u, lafa misoome kana irraas omishni kuntaala miiliyoona 7 ol ni eegama jedhaniiru.


Yeroo ammaa maashinoota Kombaayiinaraa godinicha galaniifi humna namaatiin deeggaramuun hojiin omiisha walitti qabuu ariitiidhaan gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.
Keessattuu midhaan maashiniin walitti qabuun yeroo fi humna qusachuu malees, qulqullina omishaa eeguu fi qisaasama ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru.


Hojii hanga ammaatti hojjetameen lafa hektaara kuma 149 fi 175 ol irraa omishni kuntaala miiliyoona 2.8 walitti qabamuu danda'eera jedhaniiru.


Midhaan ga'e rooba darbee darbee roobuun akka hin mancaane tumsaan walitti qabamaa kan jiru yoo ta'u, misooma kana irratti qonnaan bultoonni kuma 129 ol akka hirmaatan himaniiru.


Godinichatti Aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Qiilxuu Sorsaatti qonnaan bulaa kan ta’an Shuunaa Goobanaa yaada kennaniin, rooba Arfaasaatiin midhaan qamadii kilaastaraan facaasan irraa omisha gaarii akka argatan dubbataniiru.


Rooba roobaa jiruun midhaan ga'e akka hin miidhamneef qonnaan bultoota naannoo sanaa waliin daboon walitti qabaa akka jiran himaniiru.


Naannichi gammoojjii fi rooba xiqqaa waan argatuuf, waggaa waggaadhaan omiishni argatan dadhabbii isaanii waliin kan hin madaalle akka ture qonnaan bulaan kun himaniiru.
Teknoolojii fooyya'aa fayyadamuu fi midhaan tooraan fi kilaastaraan facaasuu erga jalqabanii as omishtummaan isaanii dabaluun fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015