Tamsaasa Kallatti:

Bara bajata kanatti hojiiwwan tokkummaa sab-lammootaa cimsan raawwatamaniiru

Adoolessa29/2018 (ENA) Bara baajataa xumurametti hojiin tokkummaa sab-lammootaa caalaatti cimsan raawwatamuu isaanii Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsaniiru.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortii gamaaggama raawwii karoorraa bara baajataa 2018, marii karoora bara baajataa 2019 fi walga’ii waggaa akkasumas waggoota sadan dhufan kan giddu-galeessaa gaggeessaa jira.

Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa yeroo kana akka ibsanitti, walga’ichaan aadaan, Aartii fi Ispoortiin dinagdee biyyaa fi jireenya hawaasaaf gumaacha taasisaniin karaa saayinsaawaa ta'een deeggaruuf fuuldurattis kallattii imaammataa bocuuf mariin kan taasifamu ta'uu ibsaniiru.


 

Bara baajatichaatti hojiwwan gurguddoo raawwataman kan kaasan Ministirri kun bara baajatichaa ayyaanota jijiirraa waggaa sab-lammootaa 47 fi ayyaanota kabajaa biyyaalessaa 5 milkaa’inaan kabajamuu isaanii dubbataniiru.

Ayyaanota kana irratti ummanni miliyoona 46 ol hirmaachuun tokkummaa sab-lammootaa caalmaatti cimsuu isaa hubachiisaniiru.

Dabalataan bara baajatichaatti imaammanni ispoortii waggoota 28 darban hojiirra ture fooyya'uu isaa ibsanii, imaammatichi dinagdeef gumaacha akka taasisuf kan yaadame ta'uu ibsaniiru.

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015