Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi yaa’ii Mariichaa Abdachiisaadha

Adoolessa 29/2018 (ENA): Adeemsi yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa abdachiisaa ta'uu hirmaattonni mariichaa ibsan.

Yaa’iin marii biyyaalessaa guddaan Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Bakka bu'oonni ummata Itoophiyaa kuma afur biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimmoota ijoo saddeet irratti waliigaltee irra ga'uuf marii bal'aa fi hirmaachisaa ta'e gaggeessaa jiru.


 

Bakka bu'oonni uummataa yaa’icharratti hirmaatan ENA’f akka ibsanitti Walga’iin marii biyyaalessaa kun sagaleen Itoophiyaanota hundaa kan itti dhaga'amu, hirmaachisaa fi iftoomina kan qabu ta'uu ibsaniiru.

Hirmaattota marii gidduutti tokko yaada namaa biroo kan dhaggeeffatan carraa gaarii kan uume, waliigaltee waloo kan ijaaruu fi abdachiisaa ta'uu ibsaniiru.

Hirmaataan marichaa kan ta’an Obbo Caalaa Gaarummaa akka ibsanitti, gaaffiileen biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti ka'an deebii argachuuf bara dheeraaf walitti bu'insii fi wal dhabbiin yeroo dheeraaf kan baratame taa’ee tajaajileera.

Mariin karaa furmaataa fi waliigaltee bu'a qabeessaadha kan jedhan hirmaataan kun bakka bu'oonni ummataa kuma afur ta'an waliin ta'uun waa'ee biyyaarratti mari'achuuf carraan uumamuun isaa yaadaa haaraa ibsachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Aadaan ijaarsa biyyaa olaantummaa yaadaarratti hundaa’ee dagaagsuuf ashaaraa keenyaa kan itti keenyu carraa guddaa uumuusaa fi itti gaafatamummaadha jedhaniiru.

Hirmaataan biraa Obbo Wandimmuu Gizaawu gamasaaniin, walgahichi dhaloota dhufuuf olaantummaa yaadaarratti kan hundaa'e waliigalteen kan keessatti uumame Itoophiyaa dabarsanii kennuuf bu'uura kan kaa'u ta'uu ibsaniiru.

Adeemsi bu'a qabeessi yaa’ii marii biyyaalessaa kunis Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'uutti kan ceessisuu fi abdii kan namatti horu ta'uu dubbataniiru.

Walgahichi qorumsa Itoophiyaan bara dheeraaf dabarsite mariidhaan furuun dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti furmaata waliinii fi waliigaltee ijaaruuf gahee guddaa akka qabu kaasaniiru.


 

Dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa irratti mari'atamu irratti marii bal'aa, hirmaachisaa fi ifaa ta'e taasifamaa jira kan jedhan immoo hirmaataa Obbo Taammannaa Haayiluuti.

Marichaan iftoominaa fi hirmaannaan yaadni maddisiifamu waliigaltee waliiniirratti kan hundaa'e mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf gumaacha gaarii akka gumaachaniif abdi qaban ibsaniiru.


 

Hirmaataa biroon Obbo Balaayinee Densaamoo gamasaaniin kan nu qoodanirra dhummoonni nu tokkoomsantu caala, marii keenyaanis nagaa waaraa, misoomaa fi guddina Itoophiyaatiif kan barbaachisu mijeessuuf mari'achaa jirra jedhaniiru.

Yaa’iin marii biyyaalessaa kun qabxii garaagarummaa gara waliigaltee waliiniitti jijjiiruun, Itoophiyaa fooyyoftuu, nagaa qabduu fi badhaadhina mirkaneessite ijaaruuf carraa seenaa qabeessa ta'uu isaas ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015