Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kilaastaraan sanyii filatamaa gosa adda addaan uwwifameera

Adoolessa 29/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kilaastaraan sanyii filatamaa gosa adda addaatiin dhaabamuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.

Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannichaa obbo Geetuu Gammachuu Naannichatti teeknooloojii fi hojmaata qonnaa bal’inaan fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru jedhaniiru.


 

Bara oomishaa kanatti lafa heektaara miiliyoona 11.1 ol misoomsuun kuntaala miiliyoona 380 fi kuma 659 ol oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Lafti heektaara miiliyoona 10 fi kuma 199 ol qotamee facaasaaf qophaa’uu isaa hubachiisuun, kana keessaa lafti heektaara miiliyoona 8 fi kuma 259 ol sanyii filatamaan olaanaa qabu adda addaatiin misoomuu isaa hubachiisaniiru.

Fayyadamummaa qonnaan bulaa misooma kana irraa argamu guddisuuf, qophii lafaa irraa eegalee, fooyya’iinsa ogummaa fi leenjii hubannoo bal’aan kennameera jedhan obbo Geetuun.

Akkasumas ogeeyyii qonnaatiin deeggarsaafi hordoffiin taasifamaa akka jiru himaniiru.

Misooma kana keessatti baay’inaan boqqolloo, qamadii, garbuu, fi midhaan gurguddoo biroo akkasumas sanyii zayitaa adda addaa bal’inaan misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Omishaa fi omishtummaa guddisuuf galteewwan bal’inaan kan dhiyaatan ta’uu kan ibsan hogganaan kun, bara oomishaa kanatti xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfamee, karaa waldaalee hojii gamtaa fi yuniyeenotota naannichaatiin kuntaalli miiliyoona 9 fi kuma 864 fi 569 qaqqabuu isaa ibsaniiru.


 

Itti dabaluunis hojii hanga ammaatti hojjetameen qonnaan bultootaaf kuntaalli miiliyoona 6 fi kuma 787 ol raabsameera jedhani.

Kana malees, oomishtummaa guddisuu fi fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf kuntaala kuma 673 fi 368 kenname keessaa sanyii filatamaa adda addaa kuntaala kuma 627 fi 953 wabii nyaataa mirkaneessuuf ooluu isaa ibsaniiru.

Itti dabaluudhaan oyiruu qonnaan bultootaaf sanyii kuntaala kuma 948 fi 749 qophaa’uu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015