Shira Kaayiroo Duuba; Dhugaa Itoophiyaa CNN’n Ifoomse - ENA Afaan Oromoo
Shira Kaayiroo Duuba; Dhugaa Itoophiyaa CNN’n Ifoomse
Tarsiimoon Masriin laga Abbayyaa to'achuuf qabdu inni guddaan foormulaa "Itoophiyaan cimtuu fi tasgabbaa'aan Kaayiroodhaaf balaadha" jedhu ture. Kanaaf mootummoonni Kaayiroo walduraa duubaan Itoophiyaan tasgabbooftuu akka taatuu fi qabeenya ishee akka sirnaan hin fayyadamne gochuuf carraaqqii guddaa taasisaa turaniiru.
Seenaa keessatti madda laga Abbayyaa guutummaatti to’achuuf yaalii hedduu kan goote Masrii, lola seena qabeessa Gundeet (1875) fi Guuraa (1876) irratti harka Itoophiyaanotaan kufaatii hadhaawaa argatteetti. Kaayiroon waraana kallatti irraa erga deebitee booda tooftaa ishee gara "bittinnaa'uu keessootti" jijjiirteetti.
Kunis mootummaan Itoophiyaa xiyyeeffannoo fi qabeenya maallaqaa isaa pirojektoota misoomaa (keessumaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa fi bu’uuraalee misoomaa) irraa gara nagaa fi tasgabbii eeguutti akka deebisu taasisee, biyyattii jeequmsa keessoo dhuma hin qabne keessa galchuuf shira hedduu raawwachaa tureera. Kun yeroo fashalaa’u akka filannootti odeeffannoo sobaatti gargaaramuun ammas itti fuftee jirta.
Erga ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa eegalamee as saayintistoonni siyaasaa fi dippilomaatonni Masrii seeneffama sobaa isaanii babal’isuun “hidhichi biyyoota yaa’a gadii irratti miidhaa hamaa geessisa” jechuun hawaasa addunyaa burjaajessaa turaniiru. Haa ta’u malee, hoggansa ogummaa qabuun Ministira Muummee Dr. Abiyiy Ahimad jalatti Itoophiyaan dhiibbaa alaa fi qormaata keessoo irra aanuun pirojektii guddaa kana xumuruu dandeesseetti.
Kun fakkeenya guddaa qormaata gara carraatti jijjiiruudha; kunis yaada ida’amuuti.
Ijaarsa hidhichaa hordofuun Kaayiroon irra deddeebiin komii sobaa fi olola jal’aa ta’u dhiyeessitus, dhugaan jiru suuta suutaan addunyaaf ifa ta’aa jira. Kana kan agarsiisu gabaasa gaazexeessituu Viktooriyaa Rubaadirii sagantaa CNN’n ji’a ji’aan “Connecting Africa” jedhu irratti dhiheessitedha.
Badhaasa BBC’n bara 2020 ‘Komla Dumor Prize’ kan injifatte Viktooriyaa Rubadirii gabaasa ijaarsa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti dhiheessiteen dhugaawwan qabatamaa fakkeessaa Kaayiroo fashaleessu hawaasa addunyaaf ifa goote.
Agarsiisa gahumsa injinariingii fi misooma waloo
CNN gabaasa isaa keessatti Hidhi Haaromsaa shira sobaa waggootaaf odeeffamaa ture osoo hin taane, moodeela gahumsa injinariingii tattaaffii injinarootaa fi ogeeyyii ijaarsaa Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman dhugoomse ta’uu ibseera.
Mootummaan Masrii hidhicha akka “madda balaatti” fakkeessuuf yaalus, hidhichi Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutummaa naannichaaf waltajjii misooma waliinii ta’uu gabaasni CNN ibseera.
Pirojektiin guddaan Fulbaana bara 2025 ifatti eebbifame kun, dhiyeessii anniisaa biyyattii guddisuun lammiilee miliyoonaan lakkaa’amaniif ibsaa akka jiru agarsiiseera; akkasumas hidhichi qaama Itoophiyaan hiyyummaa keessaa of baasuuf taasiftu ta’uu mul’iseera.
Gabaasni Gaazexeessituu Rubadirii Ijipti irra deddeebiin komii fi shira xaxaa turte qabxiilee gurguddoo sadii irratti ni morma.
Qajeelfama Faayidaa Wal-faayidaa:
Hidhichi pirojektii qajeelfama wal-faayyaduu irratti hundaa’e yoo ta’u, biyyoota yaa’a gadii hin miidhu, garuu dhangala’aa bishaanii to’achuu fi biyyee hir’isuu keessatti gahee gaarii kan qabu ta’uu hogganaan ijaarsa hidhichaa Injinar Kiflee Horoo agarsiisaniiru.
Yaada Ida'amuu Naannoo:
Itoophiyaan humna ibsaa gurguruun galii argachuun alattis hidhichi biyyoota naannichaa karaa anniisaa fi diinagdee kan walqunnamsiisu ta’uu ibsameera. Kunis mul’anni naannoo mootummaa ida’amuu Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hoogganamu, jechuunis “waliin guddachuu fi wal deeggaruu” hojii irra ooluu fi akka Masriin jettutti naannicha gara tasgabbii dhabuutti akka hin geessine kan agarsiisudha.
Cehumsa dinagdee ummata giddu galeessa godhate:
Akkuma Gabaasa CNN keessatti hammataman Itti Gaafatamaa Giddugala Guddina Idil Addunyaa (IGC) Itoophiyaa Teediroos Mokonnen ifatti ibsan, Itoophiyaan ummanni ishee dhibbeentaa 70 umuriin isaa waggaa 30 gadi ta'e, galii mataa namaa giddu galeessa waggoota 15 duraa gadi ture Afrikaa keessaa dinagdee guddicha keessaa tokko taatee jirti.
Hidhichi humna dargaggeessa kana gara oomishtummaa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf tattaaffii taasifamaa jirudha.
Goolaba:
Walumaagalatti duulli dippilomaasii fi ololaa Masriin hidha kana irratti hundaa’uun gaggeessaa jirtu qumaara siyaasaa waan ta’eef dhugaa saayinsii fi lafa irraan wal hin simnedha. Hidhi Haaromsa Itoophiyaa guddichi, dandeettii biyya keessaa fi hoggansa biyyaalessaa ogummaa qabuun dhugoome, utubaa misoomaa bara diinagdee Itoophiyaa egeree bocuu fi naannoo Afrikaa humnaa fi daldalaan kan walqunnamsiisu yoo ta’u, biyya kamiifuu balaa kan ta’u miti. Injifannoon seena qabeessa yaadama ida’amuun kan guutame kun naannicha guutuu ibsuu itti fufee jira.