Tamsaasa Kallatti:

Imala wabii nyaataa milkaa’ina qabatamaatti jijjiirame

Buusaa Gonofaa Oromiyaa ergama ijoo Naannoo Oromiyaa keessatti qormaatilee uumamaa fi namtolchee tasa mudatan humna waloo hawaasa bal’aa hirmaachiseen walirraa qolchuu bu’uura godhatee hojjechaa jira.

Buusaa Gonofaa duudhaa keenya ganamaa iddootti deebisuuf hojjechaa jira.

Gama biraan; Buusaa Gonofaa Oromiyaa deeggarsaan olitti ceesisuun akeeka galma biyyoolessaa kan ta’e yaadama deeggarsa namoomaa humna ofiin-kabajaa fi birmadummaa hunda galeessaaf, jedhu dhugoomsuuf hojjechaa jira.


 

Haaluma kanaan qabeenya uumamaa naannoo keenya keessatti argamu sakatta’uudhaan lafa qonnaa tajaajila malee lafa bulaa jiru irratti abbummaa itti fayyadama lafaa mirkaneeffachuun maashinarii qonnaa humna namaan dabaaluun Godinaalee Oromiyaa haala mijataa qaban keessatti invastimantii qonnaa gaggeessuu irratti argama.

Bu’uuruma kanaan invastimantii qonnaa kilaastara Lixaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa Ganda Luugoo Baadiyyaatti akaakuu midhaan Boqqoolloo bara oomishaa 2018/19 tiif lafa heektaara dhibba afurii olirratti faca’ee jiru ogeeyyii qonnaa wiirtuu irratti argamaniin haala gaariin kunuunfamaa kan jiruu kan abdii namatti horudha.


 

Imala birmadummaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf biyyi keenya tattaafachaa jirtu fiixa baasuuf hojii fakkeenyummaa qabu raawwachaa kan jiruu fi fuula duraafis Godinaalee biroo keessatti hirmaannaa qooda fudhattootaan daran babal’isuuf sochii gochaan dabaalame mul’saa jira.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015