Tamsaasa Kallatti:

Yaa’ii Marii Biyyaalessaan yaadota waldhabdee mariitiin furuu fi waliigaltee biyyaalessaa kan uumuu danda’an ni eegamu - konfiraansii marii

Adoolessa 29/2018 (ENA): Konfiraansiin marii kun yaadota garaagarummaa mariitiin hiikuu fi nagaa waaraa fi waliigaltee biyyaalessaa uumuu danda’an ni qopheessa jedhamee eegama.

Konfiraansiin marii Itoophiyaa guddichi Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee magaalaa Finfinee Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshinii keessatti gaggeeffamaa jira.

Hirmaattonni konfiraansii marii kuma afur, lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun ajandaa biyyaalessaa gurguddoo saddeet irratti mari’achaa jiru.

Hirmaattota konfiraansii marii kana keessaa tokko Ongolay Goshando ENAtti akka himanitti, Konfiraansiin marii kun Itoophiyaa keessatti nagaa dhugaa fi waaraa uumuuf waadaa guddaa qaba jedhani.

Konfiraansichi ilaalchaa fi yaada adda addaa bilisaan calaqqisiisuun dhaloota dhufuuf biyya fooyya’aa fi tasgabbaa’aa ijaaruuf bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.

Yaada kennituun biraa Shaaron Amanaawuu waltajjiin kun yaada lammiilee Itoophiyaa hundaa ifatti kan calaqqisu ta’uu dubbataniiru.

Bakka hirmaattonni yaada isaanii bilisaan ibsachuu fi garaagarummaa dhiphisuu fi hubannoo walootti dhufan ta'uu ibsiteetti.

Hirmaattonni namootaa fi jaarmiyaalee kutaalee biyyattii adda addaa bakka bu’an waltajjii tokko irratti walga’uun isaanii tokkummaa biyyaalessaa daran kan ijaaru ta’uu obbo Sir’aat Sangireetiin ibsaniiru.

Mariin waloo Itoophiyaa karaa bakka bu’oota isaanii taasifamu biyya waloo isaanii waliin ijaaruuf kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015