Tamsaasa Kallatti:

Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to’annoo qindaa’aa raawwatamaniin bu’aan argameera

Adoolessa 28/2018 (ENA) – Sadarkaa biyyaatti dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hojiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuusaa Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise.

Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa karoora dhibee Koleeraa biyyattii keessaa balleessuu fi hojiwwan raawwataman irratti kan xiyyeeffate konfiraansii marii guyyaa sadii gaggeessuu eegaleera.

Sirna baninsa mariicharratti Itti aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa Dr. Malkaamuu Abitee akka ibsaniitti; yeroo gannaa dhibeewwan bishaaniin daddarban ittisuuf hawaasni bishaan qulqullaa'e fayyadamuu fi of eegggannoo barbaachisaa taasisuu qaba jedhaniiru.

Qaamota dhimmi ilaalu wajjin ta’uun hojiiwwan ittisaa hojjetamaa jiraachuun kan eerame yoo ta'u; hawaasni waanti shakkisiisaan yoo isa quunname lakkoofsa sarara bilisaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo argachuu akka danda'u ibsaniiru.

Dhaabbileen fayyaa fi Ogeeyyiin qophii ta’uusaanii ibsuun; Hawaasni wal’aansa barbaachisaa argachuu akka danda'u dubbataniiru.


 

Ammaan dura dhibee Koleeraa ittisuuf hojiiwwan ittisaa fi to'annoo qindaa'aa raawwatamaniin bu’aan argamuu ibsaniiru.

Qulqullinaan, talaalliin akkasumas damee dursanii ittisuun hojiiwwan milkaa’oon raawwataman Koleeraa balleessuuf kan dandeessisan ta'uu ibsanii; bu'aa kana cimsanii itti fufsiisuuf hojiin qindaa'aan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti tarsiimoo Koleeraa dhabamsiisuuf qophaa’ee biyyoota biroof fakkeenya kan ta’u fi haala bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.

Itoophiyaan damee kanaan hojii Afriikaaf fakkeenya kan ta’u kan raawwatte yoo ta’u naannoo daangaa biyyoota ollaa wajjin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbilee michootaa fi qaamota dhimmi ilaalu wajjin mariin taasifamu kun dhibicha guutummaatti balleessuuf tattaaffii taasifamu kan cimsu ta'uu ibsaniiru.

Daarektarri to’annoo Balaa Fayyaa Hawaasaa, Deebii fi Deebisanii dhaabuu Inistitiyuutichaa Obbo Madaaniyyee Habtatsiyoon human namaa fi laabiraatoorii dhibeewwan ittisuuf dandeessisu jiraachuu ibsaniiru.

Kunis hojiiwwan adda baasuu saffisaa raawwachuuf deebii ariifachiisaa kennuudhaaf kan dandeessise ta'uu ibsaniiru.

Maricharratti kan argaman Itoophiyaatti ogeessi balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Iinoosenti Komaakech gama isaaniitiin, Itoophiyaan Koleeraan yaaddoo fayyaa hawaasaa akka hin taane hojiin isheen raawwatte kan dinqisiifatu ta'uu ibsaniiru.

Dabalataanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tattaaffii Itoophiyaan taasiftu deeggaruuf michummaasaa cimsee kan itti fufu ta'uun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015