Naannoo Harariitti caarraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e dagaagsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti caarraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e dagaagsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama
Adoolessa 28/2018 (ENA) – Naannoo Harariitti Carraa hojii uumuu dandeettii irratti hundaa’e cimsuu fi aadaa hojii guddisuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannichaa fi walitti qabduun mana maree carraa hojii uumuu naannichaa Aadde Roozaa Umar ibsan.
Manni Maree Carraa hojii Uumuu Naannichaa gabaasa raawwii hojii caraa hojii uuminsa bara baajataa 2018 fi karoorri bara baajataa 2019 irratti mari'ateera.
waltajjicharratti rakkoo hojii dhabdummaa naannichaa hiikuufi carraawwan hojii dhaabbataa haaraa uumuuf xiyyeeffannoon kennamamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Carraa hojii Uumuu dandeettii irratti hundaa’e cimsuu akkasumas aadaa hojii fi hubannoo hojii barbaaddotaa bal’isuun kallattii xiyyeeffannoo fuulduraa keessaa tokko ta’uu Aadde Roozaan dubbataniiru.
Keessattuu gabaarratti kan barbaadamaniifi leenjii dandeettii kennuu irraa kaasee aadaa hojii lammiilee guddisuun fayyadamummaa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Bara baajataa 2019 karoora milkeessuuf hojiiwwan raawwataman keessatti hanqinoonni mudatan qolachuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qaban ibsanii; qaamni dhimmi ilaalu qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hogganaan biiroo Misooma Industirii fi Intarpiraayizii Naannichaa Obbo Ismaa'il Yuusuuf gabaasa dhiyeessaniin naannichatti carraa hojiii uumuun fi leenjii ilaalchisee qaamota michootaa, mootummaa fi seektaroota dhuunfaa wajjin qindoominaan hojjetamaa turuu eeraniiru.
Bara baajataa xumurame keessas baadiyyaa fi magaalattiif lammiilee qonnaan, industirii, tajaajiltootaa fi bobbii hojii biyya alaa keessatti carraawwan hojii dhaabbiin kuma 11 mijaa’uunsaa ibsameera.
Carraa hojii uumameenis keessattuu dargaggoota, dubartoota, qaama miidhamtootaa fi lammiileen godaansarraa deebi’an fayyadamoo taasisuun danda'amuu eeraniiru.