Tamsaasa Kallatti:

Bara baajataa xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo galmeessisteetti

Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bara baajataa 2018 xumurameetti Finfinneen fayyadamummaa hawaasummaa ummataa mirkaneessuun bu'aawwan olaanoo kan galmeessite ta’uun ibsameera.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Kilaastara Misooma Hawaasummaarratti raawwii bara baajataa 2018 fi karoorra bara baajataa 2019 irratti mari’ateera.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi bakka bu’aan qindeessaa Kilaastara Misooma Hawaasummaa Dr. Yohaannis Caalaa akka ibsaniitti; kilaastarichi bara baajataa 2018 qindoominaan hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduu raawwateera.

Hojiiwwan dhaabbata tokko qofaan eegalmanii xumuramuu hin dandeenye fi tumsa dhaabbilee biroo gaafatan walitti qindaa’anii karoorfamanii, waliin gamaggamamuun bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu isaanii yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan bara baajataa xumurameetti fayyaa, barnoota fi dameewwan hawaasummaa biroo keessatti uummata fayyadamaa kan taasisan hojiwwan hedduun qindoominaan bu’a qabeessummaadhaan hojjetamuu eeraniiru.

Sirni qindoomina kanaa dhaabbilee hundaaf dandeettii kan uumuu fi muuxannoo gaarii ta’uu isaatiin, fuuldurattis dameewwan hundatti cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru.

Itti aanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Saamsoon Mallaasaa bara barnootichatti milkaa’owwan galmaa’an akka milkaa’an Kilaasatarri Misooma Hawaasummaa gahee ol’aanaa taphachuu isaa ibsaniiru.

Kilaastarichi fayyaa barattootaa, nyaata, qulqullina barnootaa fi leenjii akkasumas to’annoo waliin hojiwwan raawwataman saffisiisuuf gumaacha ol’aanaa gumaachuu isaa eeraniiru.

Kanaanis bara baajataa xumurameetti dhaabbilee barnootaa hunda keessatti adeemsi barsiisuu fi barachuu tasgabaa’aa, nagaa fi mijataa ta'e akka jiraatu dandeessiseera.

waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Obbo Mollaa Nugus gama isaaniitiin, bara baajatichaatti damee hawaasummaatiin bu'aan olaanaan galmaa'uu ibsaniiru.

Bara baajataa 2019ttis bu'aawwan ol’aanoo galmaa’an itti fufsiisuuf bu'aa caalu galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015