Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiheessii Mana jireenyaa guddisuuf sagantaaleen garagaraa hojiirra oolaa jira

Adoolessa 28/2018 (ENA) – Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhiyeessii Mana jireenyaa dabaluuf sagantaalee gara garaa hojiirra oolaa jiraachuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Konsitiraakshinii Bulchiinsichaa beeksise.

Biirichi waggoota lamaan darban keessatti manneen waliin jireenyaa 367 ijaare har’a abbootii carraatiif dabarseera.



 

Itti Aanaan Biirichaa Obbo Iimaaj Abdallaa gamasaaniin fedhii mana jireenyaa Magaalichaatti dabalaa dhufeef deebii kennuuf biirichi hojjechaa jiraachuu ibsanii,manneen waliin jireenyaa ijaaruun hawaasaaf haala haqa qabeessaan dabarsuun cimee itti fufuu isaa ibsaniiru.

Guyyaa har’aas Manneen waliin jireenyaa 367 carraan isaanii sirna dijitaalaatiin baafamee warra qusataniif dabarfamuusaa dubbataniiru.

Hogganaan Waajjira kantiibaa Bulchiinsichaa Obbo Kadir Aliyyii gama isaaniitiin bulchiinsichi abbootii qabeenyaa fi hawaasa tajaajila lammummaan qindeessuun manaa haaraa ijaaruu fi kan durii haaromsuu raawwachuusaa eeraniiru.


Gaaffii ijaarsa mana barsiisotaaf deebii kennuuf Baankii waliin walqabsiisuun hojjetamuu ibsanii, misooma manaa cimsuudhaan sirna 10/90 fi 20/80n saffisaa fi qulqullinaan keessummeessuuf ciminaan akka kan hojjetu ta'uu mirkaneessaniiru.

Namoota carraa manaa argatan keessaa jiraataan ganda 08 Obbo Shiibaan Amee fi jiraataa ganda 04 Obbo Gannanaa Haayiluu bulchiinsichi dhiheessa manaa guddisuuf adeemsi inni deeme gaaffii ummataa deebiseera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015