Itoophiyaan Qabeenya Albuudaashee Utubaa Dinagdeeshee boruu taasisaa jirti- CNN - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan Qabeenya Albuudaashee Utubaa Dinagdeeshee boruu taasisaa jirti- CNN
Gaazexeessituun CNN Viktoriyaa Ruubidaari gabaasa ishee Itoophiyaarratti xiyyeeffateen, biyyattiingaarawwan ishee irraa warqee dabalatee oomishoota Albuudota sibiilaa gurguddaa omishuuf tattaaffiin taasisaa jirtu arguushee dubbatteetti.
Gabaasa ishee keessatti, Itoophiyaan damee Albuudaan madaalli humna olaanaa ta’uu akka barbaaddu ibsuun, pirojektiin warqee Kurmuk Naannoo Benishaangul Gumuzitti argamu invastimantii Albuuda Itoophiyaa keessatti argaman gurguddaa caqasamu ta’uu dubbatte.
Lixa Itoophiyaatti gaarawwan magariisa uffatan gurguddoo irratti qabeenyi warqee doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisan akka jiranii fi industiriiwwan haaraan mul’achaa jiraachuusaanii dubbatteetti.
Lafa irratti ogeeyyiin ijaarsaa fi Albuuda baastootni kumaatamaan lakkaa’aman ijaarsa warshaa Albuuda warqee guddaa Itoophiyaa keessatti ijaaraa jiraachuusaanii ibsiteetti.
Ogeessi Albuudaa fi ji’oolojii bakkichatti argamu hojii qulqulleessa albuudaa fi warqee gaggeessaa akka jiru ibsiteetti.
Gaazexeessituun kun adeemsa qulqulleessa warqee fi oomishtummaa ilaalchisee ogeeyyii irraa ibsi argachuushee addeessiteetti.
Adeemsichi warqee argachuu baay’ee ulfaataa fi dadhabsiisaa ta’uu isaa ibsitee, ta’us carraan sun bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu dubbatteetti.
Warqee biyya alaa erguun qulqulleessuurra, warshaan albuuda warqee Kurmuk pilaantii qulqulleessuu kan mataa isaa qabaachuu isaa daawwannaasheen hubachuushee addeessiteetti.
Gaazexeessituun CNN Viktooriyaa Ruubidaari warqeen galii daldala alaa biyyattii isa guddaa ta'aa dhufuusaa ibsiteetti.
Waggaa darbe galiin daldala alaa warqeedhaan argame olaanaa ta’uu isaa dubbatteetti.
Ruubidaari barbaacha irraa hanga oomishtummaatti torbanoota dhihootti gara Marsariitiitti kan dhufu ta’uu ibsitee, kunis karoora industirii Itoophiyaa ifatti kan argisiisuu fi Itoophiyaan qabeenya albuudashee utubaa dinagdee egeree gochaa akka jirtu CNN gabaasa isaatiin hubachiiseera.